BBC AFAAN OROMOO
128K subscribers
1.77K photos
1 video
1 file
22.6K links
This channel shares news from publicly available sources for informational purposes only. We are not affiliated with the BBC News Afaan Oromoo. All copyrights belong to their respective owners.
Download Telegram
Raashiyaan daangaa biyya ollaashee Yukireenitti loltoota 100,000 tahan walitti kan qabde yoo tahu, biyyattii weeraruuf garuu karoora akka hin qabne himti.

via BBC News Afaan Oromoo - Oduu https://ift.tt/3fQMmwA
Inistitiyuutiin Qorannoofi Qo'annoo Oromoo rakkoolee Afaan Oromoo sirnaafi bifa waalta'aa ta'een barreessuu dhabuu furuu dabalatee guddinaafi dagaagina Afaanichaarratti xiyyeeffannoo addaa kennee akka hojjetu ibse.

via BBC News Afaan Oromoo - Oduu https://ift.tt/3fSjjsx
Hidhatoonni gareen motummaa Islaamaa (IS) mana hidhaa to'annoo humnootii Kurdi jalatti argamu keessaa sirreeffamtoota baasuuf cabsee seenuu isaa hordofuun Kaabaa Baha Sooriyaatti waranni cimaan gaggeeffameen yoo xinnaate namoonni 70 ajjeeffaman.

via BBC News Afaan Oromoo - Oduu https://ift.tt/3ItEb5v
Keenyaan rakkoon biyya hollaa ishee Itoophiyaa keessa jiru furmaata akka argatuuf yaalii taasiftu haala tasgabbaa'aa ta'een walitti dhiyeenyaan hojjechuu ishee akka itti futu ibsite.

via BBC News Afaan Oromoo - Oduu https://ift.tt/3qT4OuN
Ministirri mummee Niiw Ziilaand Jasiindaa Ardan Kooviid gosa haaraa to’achuuf jecha dhorkaawwan bahan erga ibsaniin booda sirna cidha isaanii haquus himaniiru.

via BBC News Afaan Oromoo - Oduu https://ift.tt/3AnaAYG
Ministirri Mummee Itoophiyaa Abiy Ahimad ergaa Qophii Fiigicha Guddicha Marsaa 21ffaa ilaalchisuun dabarsaniin Itoophiyaan nageenyaafi tokkummaa mirkaneessuun badhaadhinni akka dhufuuf fiigicha guddaarra jirti jedhan.

via BBC News Afaan Oromoo - Oduu https://ift.tt/3tSEUJG
Itoophiyaatti qajeelfamni haala soorataa(dietary guideline) yeroo ji’a tokkoof lama gidduutti akka uummataaf ifa taasifamu Inistitiyuutii Fayyaa Hawaasaatti, daariktarri Qorannoon Sirna Nyaataa Dr Maasrashaa Tasammaa BBCtti himaniiru.

via BBC News Afaan Oromoo - Oduu https://ift.tt/3IxaFvW
Dhaabbanni Google jalqaba bara 2022 irratti afaanota dhaabbatichi ittiin tajaajilaa kennaa jiruun alatti afaanonni 126 dabalamuuf adeemsarra akka jiran ibsa. Afaanoota irratti hojjatamaa jiran keessaa tokko Afaan Oromoo akka ta'e himama. Ofii kana dhugoomsuuf maaltu hojjatamaa jiraa laata?

via BBC News Afaan Oromoo - Oduu https://ift.tt/3FT1iVt
Pireezidantii Itti aanaan mana maree ce'umsaa Sudaan kan ta'an Leeftanaant Jeneraal Mohaammad Hamdaan Dagaaloo Sambataa fi Dilbata darbe gara Finfinnee imaluun MM Itoophiyaa Abiy Ahimad dabalate qondaaltoota olaanoo biyyattii waliin wal arganii ture.

via BBC News Afaan Oromoo - Oduu https://ift.tt/3rN3w3w
Tuniiziyaan garee Naayijeeriyaa taphattoota 10ni 1-0n injifachuun taphaan ala goote. Burkinaafaasoon ammootuu Gaaboon injifatte.

via BBC News Afaan Oromoo - Oduu https://ift.tt/3FXq1bf
Motummaan Gamtoome (UN) Amajjii 24 guyyaa barnoota addunyaa gochuun kabaja. BBCn guyyaa kana sababeeffachuun manguddoota Indooneezhiyaa, Kanaadaa, Biraaziliifi Awustiraaaliyaa maaliif dulluma keessa barnootatti dacha’uu akka fedhan haasofsiiseera.

via BBC News Afaan Oromoo - Oduu https://ift.tt/35bJxnz
Mootummaan Federaalaa dhiyeessii qorichaa fi deeggarsa biroo Tigraay keessatti akkaa olitti hanqateera jedhame geejiba konkolaataan furuun waan hin danda'amneef balalii qilleensaa dabalataa hayyamuu beeksise.

via BBC News Afaan Oromoo - Oduu https://ift.tt/3rMQSl5
Fayyadamtoonni miidiyaa hawaasaa Itoophiyaa keessaa lammiilee biyyattii manneen hidhaa Saa'udii Arabiyaa keessatti dararamaa jiraniif, sochii 'festaala gurraacha' jedhuun sagalee dhageessisaa jiru.

via BBC News Afaan Oromoo - Oduu https://ift.tt/3ItvNDa
Kaabineen mootummaa Somaaliyaa kan aangoorra jiru paartii siyaasaa Itoophiyaa keessa socho'u Adda Bilisa Baasaa Biyyaalessaa Ogaaden (ONLF) tarree shororkeessitootaa keessaa baasuu beeksise.

via BBC News Afaan Oromoo - Oduu https://ift.tt/3KBqraT