BBC AFAAN OROMOO
128K subscribers
1.77K photos
1 video
1 file
22.6K links
This channel shares news from publicly available sources for informational purposes only. We are not affiliated with the BBC News Afaan Oromoo. All copyrights belong to their respective owners.
Download Telegram
Waggaa waggaan A L I Amajji 10 fi 11 hordoftoota amantaa Bataskaana Ortodoksii Tewaahidoo Itoophiyaa biratti kan kabajamu Ayyaana Kataraafi Cuuphhaa irratti namoonni hedduu ni hirmaatu. Ayyaana addabaabaayiitti bahanii kabajatan kana irratti daa'immanirraa kaasee hanga ga'eessotaatti uufata aadaan faayamanii taabota qe'ee isaaniitti argamu faaruun dabaalanii gaggeessuun bakka buufata isatti deebisu. Suuraawwan kutaa Itoophiyaa bakka gara garaatii kabaja ayyaanichaa agarsiisan kunooti.

via BBC News Afaan Oromoo - Oduu https://ift.tt/3nEIvXz
👍1
Weellisaan umuriisaa guutuu waa'ee tokkummaa Oromoo lallabaa ture Nuhoo Goobanaa, Amajjii 18, 2022 addunyaa kanarraa du'aan boqote.

via BBC News Afaan Oromoo - Oduu https://ift.tt/3GHGmSD
Gosti Covid-19 Omikiroon jedhamu saffisa guddaan adunyaa irratti faca'uu isaan saayintistootni hanga ammaatti dhukkuba daddarbaa isa guddaadha jedhan.

via BBC News Afaan Oromoo - Oduu https://ift.tt/33OaFZd
Qabeenyummaansaa kan abbaa qabeenyaa Dinquu Dayyaasaa kan ta'e hoteelli Riizoortii Soodaree baraa 2020 keessa sababa galii mootummaa seeraan hin kaffallee fi seeraan ala lafa babaldhifate jedhuun marsaa duraa cufamee ture.

via BBC News Afaan Oromoo - Oduu https://ift.tt/3tJXUtE
Godina Gujii aanaalee hanqinni roobaa itti mudateefi yeroo dheeraadhaaf hongeedhaan miidhamaa turan keessaa tokko kan ta'e Sabbaa Boruutti roobni cimaan roobee beeylada 1,200 ol galaafate.

via BBC News Afaan Oromoo - Oduu https://ift.tt/3tJGblV
Istiivan Wuud osoo haadha warraa isaa yeroo 29 meeshaa qara qabuun waraanaa jiruu ''sin fixa'' jechuun itti dhaadachaa akka ture himame. Haata'u malee dubartiittiin lubbuun hafuu dandeessee jirti.

via BBC News Afaan Oromoo - Oduu https://ift.tt/3nK7Hfk
Itoophiyaa naannolee Oromiyaa fi Somaaleetti ganna 40 keessatti hongee hamaan isa kana duraa caalu mudachuu Dhaabbanni Gargaarsaa Idil-addunyaa Ameerikaa (USIAD) beeksise.

via BBC News Afaan Oromoo - Oduu https://ift.tt/3fP1zxW
Namichi paastariidha ofiin jedhuufi haati warraasaa namoota qaama miidhaman saddeet mana isaaniitti itti cufanii kaa’uun shakkamanii qabaman

via BBC News Afaan Oromoo - Oduu https://ift.tt/3qLNYhi
Arbi lakkuu dhaluun akkuma addunyaattu %1 takka qofaa yoo ta'u, kan yeroo dhumaatiif lakkuun dhalatees bara 2006 keessa ture.

via BBC News Afaan Oromoo - Oduu https://ift.tt/3GODTpF