BBC AFAAN OROMOO
128K subscribers
1.77K photos
1 video
1 file
22.6K links
This channel shares news from publicly available sources for informational purposes only. We are not affiliated with the BBC News Afaan Oromoo. All copyrights belong to their respective owners.
Download Telegram
Gartuun HAKI Africa akka BBC’tti himeetti, reeffi Laga Yaalaa keesatti argaman hedduun isaanii jooniyyaa keessa kan turan yoo ta’u, gariin isaanii hidhamanii kaan ammoo qaamni isaanii ciccitee ture.

via BBC News Afaan Oromoo - Oduu https://ift.tt/3GFiiQ9
Lammileen Ertiraa biyyoota alaa jiraatan lammii Ertiraa biyya alaatti imalee kaansarii dhiigaaf wal’aansi isa barbaachisuuf doolara Kanaadaa 700,000tti dhiyaatu guyyaa duulli deeggarsa walitti qabuu eegalametti walitti buusaniif.

via BBC News Afaan Oromoo - Oduu https://ift.tt/3tFpBE0
Doktor Alamtsahay Tasfaa Gammadaa maanguddoo ganna 73 magaalaa Naqamteetti loon aannanii horsiisu. Maaltu ka'umsa akka ta'eef wayita himan: ''Mul'ata haadha koon milkeessuuf,'' jedheen Naqamteetti loon horsiisaa jira jedhan.

via BBC News Afaan Oromoo - Oduu https://ift.tt/3FFZKOz
Nuhoo Goobanaa weellistoota Oromoo angafa muuziqaa seena qabeessa weellisuun maqaan ka'u keessaa tokko. Nutis gabaasa keenya har'aatiin seenaa gabaabaa weellisaa gameessa kanaa akkasiin qindeessineerra.

via BBC News Afaan Oromoo - Oduu https://ift.tt/3ncFbDI
Qondaaltonni Sa'udi Arabiyaa namni jettee jettee 'bu'uura hinqabne'' miidiyaa hawaasummaa gubbaa gadhiise hidhaa wagga shaniifi adabbii guddaan adabamuu mala jechuun akeekkachiisan.

via BBC News Afaan Oromoo - Oduu https://ift.tt/3qDy4pi
Gaanaa biyyi Waancaa Afrikaa al afur fudhatte Komoroos kan yeroo jalqabaaf taphicha irratti hirmaatte Komoroosiin mo’amtee qaaniidhaan dorgommii keessaa baateetti.

via BBC News Afaan Oromoo - Oduu https://ift.tt/3tFIQ07
Waggaa waggaan A L I Amajji 10 fi 11 hordoftoota amantaa Bataskaana Ortodoksii Tewaahidoo Itoophiyaa biratti kan kabajamu Ayyaana Kataraafi Cuuphhaa irratti namoonni hedduu ni hirmaatu. Ayyaana addabaabaayiitti bahanii kabajatan kana irratti daa'immanirraa kaasee hanga ga'eessotaatti uufata aadaan faayamanii taabota qe'ee isaaniitti argamu faaruun dabaalanii gaggeessuun bakka buufata isatti deebisu. Suuraawwan kutaa Itoophiyaa bakka gara garaatii kabaja ayyaanichaa agarsiisan kunooti.

via BBC News Afaan Oromoo - Oduu https://ift.tt/3nEIvXz
👍1
Weellisaan umuriisaa guutuu waa'ee tokkummaa Oromoo lallabaa ture Nuhoo Goobanaa, Amajjii 18, 2022 addunyaa kanarraa du'aan boqote.

via BBC News Afaan Oromoo - Oduu https://ift.tt/3GHGmSD
Gosti Covid-19 Omikiroon jedhamu saffisa guddaan adunyaa irratti faca'uu isaan saayintistootni hanga ammaatti dhukkuba daddarbaa isa guddaadha jedhan.

via BBC News Afaan Oromoo - Oduu https://ift.tt/33OaFZd
Qabeenyummaansaa kan abbaa qabeenyaa Dinquu Dayyaasaa kan ta'e hoteelli Riizoortii Soodaree baraa 2020 keessa sababa galii mootummaa seeraan hin kaffallee fi seeraan ala lafa babaldhifate jedhuun marsaa duraa cufamee ture.

via BBC News Afaan Oromoo - Oduu https://ift.tt/3tJXUtE
Godina Gujii aanaalee hanqinni roobaa itti mudateefi yeroo dheeraadhaaf hongeedhaan miidhamaa turan keessaa tokko kan ta'e Sabbaa Boruutti roobni cimaan roobee beeylada 1,200 ol galaafate.

via BBC News Afaan Oromoo - Oduu https://ift.tt/3tJGblV
Istiivan Wuud osoo haadha warraa isaa yeroo 29 meeshaa qara qabuun waraanaa jiruu ''sin fixa'' jechuun itti dhaadachaa akka ture himame. Haata'u malee dubartiittiin lubbuun hafuu dandeessee jirti.

via BBC News Afaan Oromoo - Oduu https://ift.tt/3nK7Hfk