BBC AFAAN OROMOO
128K subscribers
1.77K photos
1 video
1 file
22.6K links
This channel shares news from publicly available sources for informational purposes only. We are not affiliated with the BBC News Afaan Oromoo. All copyrights belong to their respective owners.
Download Telegram
Hariiroon Itoophiyaafi Suaan gidduu jiru laaffachuu isaa hordofee ji’oota ja’an darban keessa daandiin guddaan biyyoota lamaan walitti ceesisu, Galabaat-Matammaa, deebiyee banamuu isaa bulchaan Gondor Lixaa Obbo Dassaaleny Xaasew BBCtti himan.

via BBC News Afaan Oromoo - Oduu https://ift.tt/333wGD9
Gaazexeessituun BBC Se’ul jirtu Laawuraa Beekar biyyattiin humna waraanaan of ijaaruuf sochii isheen taasisaa jirtuufi daangaa qilleensaa Kooriyaa Kaabaa jettii gubbaa bahuun daawwatteetti.

via BBC News Afaan Oromoo - Oduu https://ift.tt/331OHl6
Ameerikaan Gaanfa Afrikaatti Ergamaa Addaa ta'un kan tajaajilaa jiran Jeefrii Feltimaan itti gaafatama isaanii gadhiisuun qondaala olaanaa biraan bakka buufamuuf akka jedhan gabaafame. Qondaalli haaraa isaan bakka bu'an eenyu?

via BBC News Afaan Oromoo - Oduu https://ift.tt/3eVblOJ
Daawwannnaa Hojii guyyoota lamaa Ertiraatti kan taasisan Gorsaan Mootummaafi Ministirri Dhimma Alaa Chaayinaa Waang Yii qoqqobbii Ertiraarra kaa'ame morman.

via BBC News Afaan Oromoo - Oduu https://ift.tt/3mZ3Zy0
Kaaba Niijeritti erga konkolaataa isaa keessatti qorrichi sammuu hadoochu – kokeenii- kg200 ol argamee booda poolisiin bulchaa naannichaa fi konkolaachisaa isaa to’annoo jala oolcheera.

via BBC News Afaan Oromoo - Oduu https://ift.tt/3zCsiXN
Waggaa tokkoo fi ji'ota torbaa oliif adeemsaa himataa irra kan ture dhimma ajjeechaa shamarree Hayimaanot Badhaadhaa irratti manni murtii olaanaa Federaalaa dhadhachi Lidataa dargaggoo Dagginat Warquu hidhaa cimaa waggaa 21'tin akka adabamu murteesseera.

via BBC News Afaan Oromoo - Oduu https://ift.tt/3HVSaRB
Rakkoo nageenyaa bakkeewwan Gaanfa Afrikaa jiru qolachuuf Chaayinaan ergamaa addaa muuduuf akka ta’e beeksiste. Kana dura Ameerikaa, Gamtaa Awurooppaafi Gamtaan Afrikaa Gaanfa Afrikaatti ergamaa addaa muudaniiru.

via BBC News Afaan Oromoo - Oduu https://ift.tt/3q23AwE
Jaramii Cheevriyar lammii Ameerikaa adii dha. Dhalatee kan guddate Niiw Yoorkitti yoo tahu walakkaa jireenyasaa kan dabarse gaaffii hafuuraa icciitti tahan of gaafachaati.

via BBC News Afaan Oromoo - Oduu https://ift.tt/3n5Q5ui
Ministirri Muummee Itoophiyaa Abiy Ahimad araarri nagaa biyyaalessaa nu barbaachisaa jechuun himan. MM Abiy ergaa Ayyaana Qillee yookiin Dhaloota Gooftaa Iyyasuus Kiristoos sababeeffachuun ergaa dabarsaniini.

via BBC News Afaan Oromoo - Oduu https://ift.tt/34ns5fr
Rakkoofi dhiphuu si mudatu hundaaf furmaata nama irraa hin eegiin. Furtuun rakkoo keetii sammuu kee keessa jira," jechuun interneeta saatelaayitiirraa argatuun Garba Indiyaa walakkaarraa karaa Facebook dargaggootaaf ergaa dabarsa Muler Weest.

via BBC News Afaan Oromoo - Oduu https://ift.tt/3t5HkUz
Xiyyaarri nam-maleessa yookaan dirooniin lubbuu maanguddoo ganna 71 onneen isaanii dadhabe baraaruuf gargaarte.

via BBC News Afaan Oromoo - Oduu https://ift.tt/3n2PedE
Guyyaa yaadannoo hokkora kaappitol waggaa tokkoffaa irratti pireezidantiin US Joo Baayidan "dhukkubni fi madaan" hokkorichaa gadi fagoodha jedhan.

via BBC News Afaan Oromoo - Oduu https://ift.tt/31zJEYT
Baqattoonni Eertiraa sadi kaampii baqattootaa naannoo Tigraay keessa jiraatan haleellaa qilleensaan ajjeefamuu UN hime.

via BBC News Afaan Oromoo - Oduu https://ift.tt/3G3K3S5