BBC AFAAN OROMOO
128K subscribers
1.77K photos
1 video
1 file
22.6K links
This channel shares news from publicly available sources for informational purposes only. We are not affiliated with the BBC News Afaan Oromoo. All copyrights belong to their respective owners.
Download Telegram
Qaala'insa jireenyaa Itoophiyaa keessatti mul'achaa jiru tasgabbeessuuf jecha bittaan qamadiin kuntaala miliyoona afuriifi zayita nyaataa liitira miliyoona 12.5 gaggeeffamuu Ministeerri Maallaqaa beeksise.

via BBC News Afaan Oromoo - Oduu https://ift.tt/3sV8CwZ
Biyyattiin tekinooloojii misaa’eliitiin, meeshaa waraanaa Niwukilaraatiin, akkasumas guddina Artiifishaal Intelijensii (AI) isheetiin roga humna waraanaa idil-adunyaa irratti qabduun jijjiirama guddaa fidaa jirti.

via BBC News Afaan Oromoo - Oduu https://ift.tt/3ePxxd5
Maqaa Afaan Ingiliiziin ‘Fifth generation’ ykn intarneetii mobaayilii dhaloota shanaffaa jedhamuun beekamu, yeroo dhiyootti gara Itoophiyaa seenuuf akka tahe dhiyeessaan neetworkii biyyattii Itiyoo-telekoom beeksiseera.

via BBC News Afaan Oromoo - Oduu https://ift.tt/3zs5euD
Naannoo Amaaraatti godinni Bulchiinsa Saba Oromoo wayita to'annoo humnootii TPLF fi Waraana Bilisummaa Oromoo /WBO/ jala turetti miidhaa cimaa keessumeessuu anga'aan godinichaa BBC'tti himan.

via BBC News Afaan Oromoo - Oduu https://ift.tt/3FYHuki
Hidhattoota naannoo Beenishaangul Gumuz keessa socho'an dursaa kan ture mana hidhaa magaalaa Asoosaa yeroo dheeraaf erga turee booda miliquu Biiroon Nageenyaa naannichaa BBCtti himeera.

via BBC News Afaan Oromoo - Oduu https://ift.tt/3JKKSll
Mana barumsaa Niiw Yoork tokko keessatti, barsiistuun ragaa ogummaa fayyaa hin qabne barataaf talaallii Covid kennuun himatamte to’annoo jala oolfamuu ishee anga’oonni himan.

via BBC News Afaan Oromoo - Oduu https://ift.tt/3sZIGR4
Godaantonni Tigraay Sa'udii Arabiyaarraa deebi'an, Itoophiyaatti hidhaa fi dararaaf saaxilamaa jiru Anga'oonni Itoophiyaa dhalattoota Tigraay dhiyeenya Sa'udii Arabiyaarraa deebifaman hidhuu, dararuufi humnaan akka baqatan taasisan jedhe Human Rights Watch.

via BBC News Afaan Oromoo - Oduu https://ift.tt/3EYsnGl
Hariiroon Itoophiyaafi Suaan gidduu jiru laaffachuu isaa hordofee ji’oota ja’an darban keessa daandiin guddaan biyyoota lamaan walitti ceesisu, Galabaat-Matammaa, deebiyee banamuu isaa bulchaan Gondor Lixaa Obbo Dassaaleny Xaasew BBCtti himan.

via BBC News Afaan Oromoo - Oduu https://ift.tt/333wGD9
Gaazexeessituun BBC Se’ul jirtu Laawuraa Beekar biyyattiin humna waraanaan of ijaaruuf sochii isheen taasisaa jirtuufi daangaa qilleensaa Kooriyaa Kaabaa jettii gubbaa bahuun daawwatteetti.

via BBC News Afaan Oromoo - Oduu https://ift.tt/331OHl6
Ameerikaan Gaanfa Afrikaatti Ergamaa Addaa ta'un kan tajaajilaa jiran Jeefrii Feltimaan itti gaafatama isaanii gadhiisuun qondaala olaanaa biraan bakka buufamuuf akka jedhan gabaafame. Qondaalli haaraa isaan bakka bu'an eenyu?

via BBC News Afaan Oromoo - Oduu https://ift.tt/3eVblOJ
Daawwannnaa Hojii guyyoota lamaa Ertiraatti kan taasisan Gorsaan Mootummaafi Ministirri Dhimma Alaa Chaayinaa Waang Yii qoqqobbii Ertiraarra kaa'ame morman.

via BBC News Afaan Oromoo - Oduu https://ift.tt/3mZ3Zy0
Kaaba Niijeritti erga konkolaataa isaa keessatti qorrichi sammuu hadoochu – kokeenii- kg200 ol argamee booda poolisiin bulchaa naannichaa fi konkolaachisaa isaa to’annoo jala oolcheera.

via BBC News Afaan Oromoo - Oduu https://ift.tt/3zCsiXN