BBC AFAAN OROMOO
128K subscribers
1.77K photos
1 video
1 file
22.6K links
This channel shares news from publicly available sources for informational purposes only. We are not affiliated with the BBC News Afaan Oromoo. All copyrights belong to their respective owners.
Download Telegram
Atileetonni Itoophiyaa Baarseloonaatti fageenya meetira 5,000n rikardii cabsan. Dorgommichis Jimaata Mudde 31, 2021 Baarseloonaa bakka Kursaa delsi Naasoos jedhamutti gaggeeffame. Atileet Ijjigaayyoo Taayyee fi Berihuu Aregaawwii fageenya meetira 5,000 [5km] rikardii cabsuusaanii Atileetiksiin Adunyaa marsariitii isaa irratti ibseera.

via BBC News Afaan Oromoo - Oduu https://ift.tt/3eGmva2
Itoophiyaatti marsaa weerara covid-19 haaraatiin walqabate dhukkubbiin qufaa fakkaatu tibbana mudatee mallattoolee koronaavaayirasii fakkaatu waan qabuuf namoonni dhukkuubsatan akka qoratamaniif Institiyuutiin Fayyaa Hawaasaa biyyattii gaafate.

via BBC News Afaan Oromoo - Oduu https://ift.tt/3sOW0HQ
Hogganaan Olaanaan Dhaabbata Fayyaa Addunyaa Dr Tedroos Adhaanoom biyyoonni addunyaa waliin kan hojjatan yoo ta'e Covid-19 bara eegalame 2022 kanatti ni mo'atama abdii jedhu qabaachu ibsan.

via BBC News Afaan Oromoo - Oduu https://ift.tt/32SLHHv
Looreettaa Haarmees jedhamti. Waggoota jahan darbaniif nyaanni afan ishee seenee hin beeku. Ta'ulleen garuu nyaata bilcheessuu irraa isheen hin dhaabne.

via BBC News Afaan Oromoo - Oduu https://ift.tt/3eMMSLi
Institiyuutiin Misooma Indaastirii Gogaa Itoophiyaa pirojektii barattoota Miiliyoona 30 ta'an yaada keessa galche kana hojiirra oolchuuf Ministeera Indaastiriifi Ministeera Barnootaa waliin waliigalteen mallattaa'uu beeksiseera.

via BBC News Afaan Oromoo - Oduu https://ift.tt/32HBdLp
Bara gara baraatti haalli waraanni ittiin gaggeeffamu geedaramaa dhufeera. Ammaan tanattis meeshaalee waraanaaf oolan kan teeknooloojiin dabaalaman ta'aa jiru. Ofii warraanniwwan kana booda gaggeeffaman maal fakkaachu maluu laata?

via BBC News Afaan Oromoo - Oduu https://ift.tt/3JuTk8d
Bulchaan Kooriyaa yeroo turtii aangoosaanii waggaa 10ffaa ilaalchisuun wayita haasaa taasisan bara 2022 keessa xiyyeeffannoonsaanii ijoon diinagdee biyyattii akkaan laaffate dandamachiisuu ta'uu ibsan.

via BBC News Afaan Oromoo - Oduu https://ift.tt/3pNIy57
Sagantaa walitti aanee dhiyaatu barreessitoonni Afrikaa irratti hirmaataniin gaazexeessaan Aljeeriyaa-Kanaadaa ta'e Maaher Mezaa'ii yeroo ardittiin qophii dorgommii kubbaa miilaa guddaa Afrikaa Waancaatiif qophaa'aa jirtutti eenummaan Afrikaa maalidha? Kan jedhu xiinxaleera.

via BBC News Afaan Oromoo - Oduu https://ift.tt/3ELTdkL
Baatii Sadaasaa keessa gatiin barbaree yeroo itti tasgabbaa'udha, sababiin isaa ammoo yeroo inni lafaa gahu yeroo itti gabaatti dhiyaachuu jalqabu waan ta'eef. Namoonnis barbaree yeroo dheeraaf ta'u mana keessatti kan qopheeffatan ji'uma kana keessadha.

via BBC News Afaan Oromoo - Oduu https://ift.tt/3EOrShV
Poolisiin Afrikaa Kibbaa namichi balaa abiddaa qaqqabsiisuun shakkame yakkoota hedduun kan himatamuu fi Kibxata borii kan mana murtiitti dhiyaatu ta'a jedhe.

via BBC News Afaan Oromoo - Oduu https://ift.tt/32R1Ld0
Hiriirri moormii guddaa biraan magaalaa guddittii Kaartuum keessatti erga gaggeeffamee booda, Ministirri Muummee Sudaan ABdallaa Hamdook aangoo gadhiisaan.

via BBC News Afaan Oromoo - Oduu https://ift.tt/3EVaHvq
Lammiin Kooriyaa Kibbaa daangaa eegumsa cimaa qabuu fi zoonii waraanarraa bilisaa (DMZ) darbuun, miliqee Kooriyaa Kaabaa seenuu isaa humni waraanaa Kooriyaa Kibbaa hime.

via BBC News Afaan Oromoo - Oduu https://ift.tt/3zi0o38
Namoota seeraan ala daddabarsuun himatamee waggoota hedduuf barbaadamaa kan ture dhalataan Eertiraa lammii Neezarlaandis ta'e Keeniyaa magaalaa Naayiroobii keessatti to'atamee Neezalaandis'f dabarfamee kennamuu Poolisiin Keeniyaa ibse.

via BBC News Afaan Oromoo - Oduu https://ift.tt/3HpSUOg