BBC AFAAN OROMOO
128K subscribers
1.77K photos
1 video
1 file
22.6K links
This channel shares news from publicly available sources for informational purposes only. We are not affiliated with the BBC News Afaan Oromoo. All copyrights belong to their respective owners.
Download Telegram
Filannoon Somaaliyaa dheerachuu hordofee waliigalteen namoota siyaasaa gidduu dhalate wal amanteen akka daraaru taasiseera. Manni maree gadii biyyattii filannoon akka dheeratu murteessee yeroo turtii aangoo Pirezidant Mohaammad Farmaajo waggoota lamaaf dheeressuu hordofeefi dubbiin kan hammaate.

via BBC News Afaan Oromoo - Oduu https://ift.tt/3pEpZAe
Paarkii Indastirii Kombolchaa keessa dhaabbilee jiran irratti finciltoonni TPLF saamicha fi badiin qaqqabsiisan guddaa ta’uu Hojii gaggeessaan Korporeeshinichaa Obbo Saandokaan Dabbabaa BBCtti himan.

via BBC News Afaan Oromoo - Oduu https://ift.tt/3sMZCtW
Ameerikaatti barsiistuun tokko erga walakkaa balaliinsaatti qorannoo covid ofii sheetiif taasifteen vaayirasichaan qabamu hubatteen booda kutaa mana fincaanii keessatti adda of baasuun sa'aatii shaniif dabarsite.

via BBC News Afaan Oromoo - Oduu https://ift.tt/340IyWM
Pireezidantonni US fi Raashiyaa sa'atii tokko guutuu wayita bilbilaan dhimma dhiphina Yuukireeniin walqabatee jiru irratti mari'atanitti akkaan walitti dhaadataniiru.

via BBC News Afaan Oromoo - Oduu https://ift.tt/3JGpH3Q
Sudaan keessatti hiriira mormii motummaa itti fufee gaggeeffamee irratti tarkaanfii humnootii nageenyaatiin fudhatameen Kamisa Muddee 29, 2021 namoonni afur ajeefamuun dhagahame.

via BBC News Afaan Oromoo - Oduu https://ift.tt/3zh2n7N
Namoonni kumaatamaan lakkaa'aman guyyaa ayyaana kiriismaasii carraa isaan mudateen guddoo qiliixaman. Madda gammachuu kanaa kan ta'eef ammoo maallaqa baankii Santander jedhamu dogoggoraan hireefidha.

via BBC News Afaan Oromoo - Oduu https://ift.tt/32Iqksx
Muddee 30 bara 2021 Godina Booranaa Aanaa Diillootti haadha fi ilmoo dabalatee namoonni afur Boolla Volkaanoo kan abidda qabutti seenanii lubbuun isaanii darbuu BBC maddeen irraa mirkaneeffate.

via BBC News Afaan Oromoo - Oduu https://ift.tt/3FIcxRb
Mucaan maqaansaa Edwaard jedhamuufi wallaansi qoricha addunyaarratti gatii jabaa ta'ee erga taasifameefiin booda tarkaanfii isaa jalqabaa taasise.

via BBC News Afaan Oromoo - Oduu https://ift.tt/3sTjR9n
Sababa weerara koronaavaayirasiitiin waggaa tokkoof duubatti kan harkifate Waancaan Afrikaa 33ffaa ammas sodaa weerara vaayrasii keessa otoo jiruu A.L.I Amajjii 01, 2014 Kaameruunitti eegama.

via BBC News Afaan Oromoo - Oduu https://ift.tt/3EI4suM
Erga waraan kaabaa Itoophiyaatti waggaan dura egaleen booda lammiileen biyya garaa garaatti argaman jidduutti garaagarummaan yaadaa mudateera. Keessummoonni keenya har'aas kana himu.

via BBC News Afaan Oromoo - Oduu https://ift.tt/3qHpe8y
Manni Maree Mirgoota Namoomaa UN jaarmiyaan idil - addunyaa sarbama miWaraana Kaaba Itoophiyaa : Murteen mana maree mirgoota namoomaa UN Itoophiyaa yaaddessuu qabaa?rga namoomaa Itoophiyaatti yeroo waraanaa mudate jedhame qoratu hundaa'e Itoophiyaarratti dhiibbaa akkamii qaba? Itoophiyaan waan diddeef qorannoon kuni hafuu danda'aa? Itoophiyaan maal yaaddofte?

via BBC News Afaan Oromoo - Oduu https://ift.tt/3pJ7Scd
Ameerikaa kutaa bulchiinsa Koloraadoo keessatti konkolaachisaa konkolaataa fe’iisaatiin balaa qaqqabisee lubbuu namoota afur galaafate hidhaa ganna 110 manni murtii adabee ture.

via BBC News Afaan Oromoo - Oduu https://ift.tt/3HlySEA
Atileetonni Itoophiyaa Baarseloonaatti fageenya meetira 5,000n rikardii cabsan. Dorgommichis Jimaata Mudde 31, 2021 Baarseloonaa bakka Kursaa delsi Naasoos jedhamutti gaggeeffame. Atileet Ijjigaayyoo Taayyee fi Berihuu Aregaawwii fageenya meetira 5,000 [5km] rikardii cabsuusaanii Atileetiksiin Adunyaa marsariitii isaa irratti ibseera.

via BBC News Afaan Oromoo - Oduu https://ift.tt/3eGmva2
Itoophiyaatti marsaa weerara covid-19 haaraatiin walqabate dhukkubbiin qufaa fakkaatu tibbana mudatee mallattoolee koronaavaayirasii fakkaatu waan qabuuf namoonni dhukkuubsatan akka qoratamaniif Institiyuutiin Fayyaa Hawaasaa biyyattii gaafate.

via BBC News Afaan Oromoo - Oduu https://ift.tt/3sOW0HQ
Hogganaan Olaanaan Dhaabbata Fayyaa Addunyaa Dr Tedroos Adhaanoom biyyoonni addunyaa waliin kan hojjatan yoo ta'e Covid-19 bara eegalame 2022 kanatti ni mo'atama abdii jedhu qabaachu ibsan.

via BBC News Afaan Oromoo - Oduu https://ift.tt/32SLHHv
Looreettaa Haarmees jedhamti. Waggoota jahan darbaniif nyaanni afan ishee seenee hin beeku. Ta'ulleen garuu nyaata bilcheessuu irraa isheen hin dhaabne.

via BBC News Afaan Oromoo - Oduu https://ift.tt/3eMMSLi