BBC AFAAN OROMOO
127K subscribers
1.77K photos
1 video
1 file
22.7K links
This channel shares news from publicly available sources for informational purposes only. We are not affiliated with the BBC News Afaan Oromoo. All copyrights belong to their respective owners.
Download Telegram
Ibsi Indooneeshiyaan xiyyaarota Booyingi 737 Max ilaalchisuun baafte kunis kan tarkaanfii walfakaataa Daandiin Qilleensa Itoophiyaa fudhateen guyyoota muraasa booda kan dhagahameedha.

via BBC News Afaan Oromoo - Oduu https://ift.tt/3ewLMTV
Ministirri Haajaa Alaa US Antonii Bilinkan rakkoo nageenyaa Itoophiyaa fi goolama siyaasaa Somaaliyaa akkaataa furuun danda'amurratti Pireezidantii Keeniyaa Uhuruu Keeniyaataa waliin mari'atan.

via BBC News Afaan Oromoo - Oduu https://ift.tt/3FEB9u7
"Amma kunoo dhumarratti maappii gubbaarratti argamna,'' jedhan Filiipp Baalhoowaa, waa'ee magaalaa kibba Naambiyaa qarqara galaanaa oongeen hamaan mudatee Lüdaritiiz ilaalchisuun. Magaalaan qarqara galaanaa tunis duraan daldala almaaziifi qurxummiitiin galii olaanaa argataa kan turet yoo ta'u, amma garuu hojii dhabdummaafi duluma buu'uuraalee misoomaatiin kan ka'ee rakkoo keessatti argamti.

via BBC News Afaan Oromoo - Oduu https://ift.tt/3mFG9am
Aanga'oonni mootummaa lama ajjeechaa abbootii Gadaa Karrayyuu torban sadii dura raawwateef ajajni kan kenname hooggantoota mootummaa naannoo Oromiyaa keessa jiraniin ta'uu akeekan.

via BBC News Afaan Oromoo - Oduu https://ift.tt/3JpE0JI
Gumiin luboota bataskaana kaatooliikii Itoophiyaa deeggarsa namoota waraana Kaaba Itoophiyaattii miidhamaniif kan oolu doolaara miiliyoona lama akka walitti qabuuf jiran beeksiise.

via BBC News Afaan Oromoo - Oduu https://ift.tt/3sMBAiJ
Tibbana isin ykn namoonni dhiyeenyatti beektan hedduun ''qufaa hamaan'' qabamuudhaan waan ho'aa dhugamu wayita dhugan arginneerra ta'uu mala. Garuu dhukkubi kuni eenyutti jabaata, akkamiin of wal'aanuun danda'ama?

via BBC News Afaan Oromoo - Oduu https://ift.tt/3za6pyG
Siidaan Kiristiyaanoo Ronaaldoo bulchiinsa Gowaa Hindii argamtuufi kana dura kolonii Porchugaal turte keessatti ifa ta'eera.

via BBC News Afaan Oromoo - Oduu https://ift.tt/3zbvBoB
Bara kana hongeen Boorana keessatti dheeratee rakkoo uumuu hordofee gargaarsi qaamolee addaa addaa taasifaamaa turullee uummanni ammallee rakkoon itti cimaa jiraachuu himatu.

via BBC News Afaan Oromoo - Oduu https://ift.tt/3Hkx3rE
Itoophiyaa keessatti dhimmoota biyyaalessaa fi tokkummaa biyyaalessummaarratti mariin qixa sirrii ta'een akka gaggeeffamuuf qaamni walaba ta'e akka qindeessu hojjetamaa ture. Komishiniin marii biyyaalessaa qindeessuu fi haala mijeessu kan haaraa hundaa'e kun dhimmoota biyyaalessaa waggootaaf osoo irratti walii hin galamin jiran isaan ijoo ta'an irratti mariin hundagaleessaa fi hunda hirmaachise akka gaggeeffamuuf kan haala mijeessudha.

via BBC News Afaan Oromoo - Oduu https://ift.tt/3HjyQNC
Kibba Chaayinaatti poolisiin namoota baleessaa raawwataniiru jechuun shakkee afur, balleessaan saanii itti himamaa ummata keessaa akka deeman wayita taasifaman suuraan mul'isu baherra.

via BBC News Afaan Oromoo - Oduu https://ift.tt/3mKKCZv
Ministerri Maallaqaa sababa waraana Kaaba Itoophiyaatti gaggeesseen baasiin dabalataa waan isa barbaachiseef Mana Maree Ministerotaaf baajata dabalataa Birrii biliyoona 122 tahu gaafate.

via BBC News Afaan Oromoo - Oduu https://ift.tt/3z9LoUQ
Filannoon Somaaliyaa dheerachuu hordofee waliigalteen namoota siyaasaa gidduu dhalate wal amanteen akka daraaru taasiseera. Manni maree gadii biyyattii filannoon akka dheeratu murteessee yeroo turtii aangoo Pirezidant Mohaammad Farmaajo waggoota lamaaf dheeressuu hordofeefi dubbiin kan hammaate.

via BBC News Afaan Oromoo - Oduu https://ift.tt/3pEpZAe