Biyya Lallaba Arsii(የአርሲ ሀገረ ስብከት)
368 subscribers
1.35K photos
31 videos
7 files
207 links
Download Telegram
Ilmaa fi Abuna Habta Maariyaam, Abboota fi Hayyoota Mana Kiristaanaa, Lallabdoota Wangeelaa, Faarfattoota, Barattoota Dilbataa fi Uummanni bal'aan argamaniiru.



Sagantaa kanarrattis kan argaman Hojii Gaggeessaa Olaanaan Waajjira Biyya Lallaba Arsii Hangafa Jabootaa Luba Ballaxaa H/Maariyaamii Kawaalli kuni Kawaala Guddaa fi Barattoota Duuka Bu'ummaa Baratan hedduu barsiisuu kan danda'uu fi Hayyoota Mana Kiristaanaa hedduu Oomishuu kan danda'u Oomishaas kan jiru ta'uu ibsuudhan kanneen Barnoota keessan turtii waggaa shanii booda har'a eebbifamtanis ta'ee kanneen barachaa jirtanii fi amantoonni hundi keenya jabaannee wal faana taanee hojjachuu qabna akkasumas Kadhannaan Eebbifamummaa isaanii nu gargaara jechuudhan Eebbifamtoota irra deebidhaan Baga Gammadanis jechuudhan ergaa isaanii dabarsaniiru.


Eebbifamummaan isaaniis Barsiisota Duuka Bu'oota Waggoota Shaniif Kawaala Tokkummaa Tulluu Eelaam Dursaa Tulluu Libaanos Qulqulluu Ayyaana Ilmaa fi Abuna Habta Maariyaam Mana Baruumsa Afuuraa M/Hayyootatti barnoota Hiikkaa Kutaaba Qulqulluu Kakuu Duraa barachaa turtaniif baga Gammaddan jechuudhan isa barattaniinis jabaattanii Kawaalichaa fi Qulqulleettii Mana Kiristaanaa tajaajiluu qabdu kan jedhu kaasudhaan kanaafis immoo Waajjirri Biyya Lallaba Arsii kallattii Tajaajilaa isin bobbaasurratti bobbaatanii Uummata Beekkumsa asii argattaniin tajaajiluudhaf of qopheessuu qabdu jechuudhan kallattii fi jecha abbummaa isaanii dabarsaniiru.



Gama biraatin kawaalicha keessatti tajaajilli Barnoota fakkeenyummaas sirritti iratti hojjatamuu akka qabaatu fi Kawaalicha kana caalaa guddisuun akka barbaachisu caqasuudhan, Tajaajiltoonni Kawaalichaatis Jaalalaan, Tokkummaadhan, wal hubachuu fi wal dhaggeeffachuudhan akkasumas wal deeggaruudhan Tajaajila Mana Kiristaanaa kana caalaa babal'isuu akka qabaatan ibsanii jiru. Gama biraatin hojiiwwan Misoomaa Kawaalichaan hojjatamaa jiran jabaatanii itti fufuu akka qabaatanii fi deeggarsa barbaachisu kamiiyyuu karaa Waajjira Biyya Lallaba Arsiitin argachuu akka danda'an ibsanii xummura irrattis uummata sagalee Waaqayyoo Barsiisudhaan eebbisuudhan jecha abbummaa fi kallattii kennuudhan Sagantaa Eebba fi Daawwannaa kana kadhannaa isaanitiin xummuraniiru.


Kadhannaa fi Eebbi Eebbifamummaa isaanii nurraa adda hin bahin





© Arsi Diocese Public Relations Department
© Biyya Lallaba Arsiitti Kutaa Sab-Qunnamtii
© የአርሲ ሀገረ ስብከት ህዝብ ግንኙነት ክፍል

© የአርሲ ሀገረ ስብከት ሚድያ Miidiyaa Biyya Lallaba Arsii ...✍️

👉 Liinkii Gadii Kana Hordofuudhan Gara Chaanaaliiwwan Miidiyaa Keenyatti Dabalamaa
👉 ከታች ያሉትን ሊንክ በመጫን ወደ ቻናሎቻችን ተቀላቀሉ

👉 FACEBOOK👇👇👇👇👇ፌስቡክ
https://www.facebook.com/share/1bp49TDKhZ/

👉 TIKTOK👇👇👇👇👇ቲክቶት
tiktok.com/@miidiyaa.ku.la.arsii

WhatsApp 👇👇👇👇👇ዋትሳፕ
https://whatsapp.com/channel/0029Vb6ZyoHId7nSWz2Uq73X

Inistagram👇👇👇👇👇ኢንስታግራም
https://www.instagram.com/miidiyaablarsii?igsh=MXRsaDgyeXJwdDdkdQ==

Telegram Chanal 👇👇👇👇👇ቴሌግራም
https://t.me/Arsi21

Telegram Group👇👇👇የግሩፕ ቴሌግራም
https://t.me/+do8_6-C5_ek4MjFk

Telegram Cominicate
@BIYYALALLABAARSII

IMO👇👇👇👇👇ኢሞ
https://call.imo.im/BiyyaLallabaArsii
Eebbifamoo Abuna Eelsaa'i Hangafa Phaaphaasii Biyyoota Lallaba Arsii fi Naannoo Somaalee Jijjigaa Miseensa Qulqulluu Sinoodosii Biyya Lallaba Arsii Mana Lubummaa Aanaa Sireetti Maanneen Kiristaanaa Daawachuudhan Mana Kiristaanaa Haaraa Ijaarramuufis Dhagaa Bu'uuraa kaa'an.

የአርሲ ሀገረ ስብከት ሚድያ Miidiyaa Biyya Lallaba Arsii
#Adoolessa_26_2018_B_A
#Arsii_Siree_Itoophiyaa

Eebbifamoo Abuna Eelsaa'i Hangafa Phaaphaasii Biyyoota Lallaba Arsii fi Naannoo Somaalee Jijjigaa Miseensa Qulqulluu Sinoodosii Biyya Lallaba Arsii Mana Lubummaa Aanaa Sireetti Maanneen Kiristaanaa Daawachuudhan Mana Kiristaanaa Haaraa Ijaarramuufis Dhagaa Bu'uuraa kaa'an.


Eebbifamummaan isaanii Mana Lubummaa Aanaa Sireetti Manneen Kiristaanaa kan daawwatanii fi Mana Kiristaanaa Haarawa ijaarramuufis dhagaa bu'uuraa kan kaa'an yommuu ta'u daawwannaa kanaanis
1ffaa. Mana Kiristaanaa Tulluu Taabor Qulqulluu Gabri'ee Qulqulleettii Mana Kiristaanichaa irraa ka'uudhan iddoo xabalaa fi waan hojjatamaa jiru ilaaludhaan adeemsa hojii hundumaa irratti jecha abbummaa fi qajeelfama dabarsanii uummatas sagalee Waaqayyoo barsiisudhaan eebba fi kadhannaa eebbifamummaa isaanitiin sagantaa achiis xummuraniiru.


2ffaa. Mana Kiristaanaa Tulluu Nageenyaa Qulqulluu Giyoorgisii fi Tulluu Gannataa Qulqulleettii Waadaa Araaraa daawwachuudhan achittis daawwannaa isaanii qulqulleettii Mana Kiriataanaa irraa eegaluudhan Mana Baruumsaa Piroofeesar Dr Zabbanaa Lammaa Itti Gaafatamtoota Yaa'ii Lallabaa Mana Kiristaanichaa fi Amantoota waliin ta'uudhan ijaarsisan hunda daawwachuudhan Biqilootas dhaabaniiru. Dabalataanis manni Barsuumsichaas kutaa hamma 2tti kan baraiisaa jiru yommuu ta'u jabaatee kallattii gara fuulduraatti akka deemu fi dareewwan dabalataas akka ijaarraman akkasumas hojiin qulqullina qabu gama Mana Kiristaanatiinis ta'ee gama Mana Baruumsatiin hojjatamuu akkaataa danda'urratti jecha Abbummaa fi kallattii kaa'aniiru. Xummura irrattis uummata sagalee Waaqayyoo barsiisudhaan eebba fi kadhannaa isaanitiin sagantaa achiis xummuraniiru.


3ffaa. Mana Kiristaanaa Qulqulleettii Aarseemaa Siree kan daawwatan yommuu ta'u mana Kiristaanaa kanattis Mana Qulqullummaa haarawa ijaarramaa jiru daawwachuudhan dafee yeroo qabameef keessatti xummuraamudhan Tajaajilaaf banaa ta'uu akka qabaatu kallattii fi qajeelfama abbummaa dabarsaniiru.


Eebbifamummaan isaanii Tajaajiltoota Afuurii fi Barattoota Dilbataa Mana Kiristaanaa Siree Qulqulleettii Aarseemaatiif Maqaa Kabaja Mana Kiristaanaa kan laatan yommuu ta'u
Kanaanis
1ffaa. Dn Yohaannis Hayilee Too'ataa Olaanaa Mana Lubummaa Aanaa Digaluuf Xiijootiif Sooraa Amantaa Yohaannis Hayilee jechuudhan maqaa Kabajaa Mana Kiristaanaa laataniifiiru.

2ffaa. Luba Abbabaa Gaarii Bulchaa Mana Kiristaanaa Tulluu Nageenyaa Qulqulluu Giyoorgisii fi Tulluu Gannataa Qulqulleettii Waadaa Araaraa Sireetiif Ergamaa Nageenyaa Luba Abbabaa Gaarii jechuudhan maqaa Kabajaa Mana Kiristaanaa laataniifiiru.


3ffaa. Margeetaa Lissaana Warqi Barsiisaa Dhaabbii Mana Kiristaanaa Tulluu Nageenyaa Qulqulluu Giyoorgisii fi Tulluu Gannataa Qulqulleettii Waadaa Araaraa Sireetiif Hangafa Hayyootaa Margeetaa Lissaana Warqi jechuudhan maqaa Kabajaa Mana Kiristaanaa laataniifiiru.


4ffaa. Margeetaa Marihaa Tsidqi Barsiisaa Ciigoo(Qinee) Mana Kiristaanaa Tulluu Nageenyaa Qulqulluu Giyoorgisii fi Tulluu Gannataa Qulqulleettii Waadaa Araaraa Sireetif Sooraa Iccitii Margeetaa Marihaa Tsidqi jechuudhan maqaa Kabajaa Mana Kiristaanaa laataniifiiru.


5ffaa. Barattoota Dilbataa Mana Kiristaanaa Qulqulleettii Aarseemaa Sireetiif Barattoota Dilbataa Lallaba Eelsaa'i jechuudhan maqaa Kabajaa Mana Kiristaanaa laataniifiiru.


Eebbifamummaan isaanii Mana Lubummaa Aanaa Siree Ganda Gasalaa Caacaa iddoo addaa Xabboo Caacaa jedhamutti Mana Kiriataanaa Haarawa ijaarramuuf jedhuufis Dhakaa bu'uuraa kaa'aniiru.
Sagantaa kanarrattis kadhannaa erga taasisanii dhakaa bu'uuraa kaa'aniin booda uummanni naannichaa duraan Manni Kiristaanaa irraa fagaachudhaan Tajaajila Mana Kiristaanatirraa fagataaniif kuni Missiraachoo guddaa ta'uu caqasuudhan uummanni naannichaa amma mana Kiristaanichaa isa haarawa ijaarramutti fageenya osoo hin deemin akka tajaajilamu akkasumas manni Kiristaanichaa kuni yeroo gabaabaa ji'ootan lakkaawwaman keessatti xummuramuudhan Tajaajilaaf banaa akka ta'u Jacha Abbummaa fi kallattii kaa'aniii Uummatas sagalee Waaqayyoo barsiisudhaan eebbisuudhan sagantaa achiis kadhannaa fi eebba Eebbifamummaa isaanitiin xummuraniiru.


Sangataa kanarratti kan argaman Hojii Gaggeessaa Olaanaa Biyya Lallaba Arsii Hangafa Jabootaa Luba Ballaxaa H/Maariyaam, Hayyuu Kumootaa Luba Kidaanuu Takkaa M/K/O/T/I Waajjira Mana Lubummaa Walii Galaa Qajeelcha Manneeni fi Misoomaatti Itti Gaafatamaa Tajaajila Walii Galaa, Dn Katamaa Baayisaa Itti Gaafatamaa Kutaa Sab-Qunnamtii Waajjira Biyya Lallaba Arsii, Sooraa Amantaa Dn Yohaannis Hayilee Itti Gaafatamaa Kutaa Too'annoo walii Galaa Mana Lubummaa Aanaa Digaluuf Xiijoo, Ergamaa Gannataa Luba Girmaa Hojii Gaggeessaa Mana Lubummaa Aanaa siree, Abboota, Hayyoota Mana Kiristaanaa, Faarfattoota, Lallabdoota Barattotta Dilbataa fi Uummanni bal'aan argamaniiru.


Sagantaa kanarratti kan argaman Hojii Gaggeessaa Olaanaan Biyya Lallaba Arsii Hangafa Jabootaa Luba Ballaxaa H/Maariyaam Aanaan Siree aanaa jabduu fi Tajaajiltoonni, beektonni, Hayyoonni Mana Kiristaanaanaa bay'een keessa burqaniidha kanaafuu ammas Manneen Kiristaanotaa fi Kawaalota Aanicha keessatti argaman hunda jabeessun wal faana taanee Tajaajila Mana Kiristaanaa kana babal'isuun gahee hunda keenyati Eebbifamummaan isaanis nu gargaara jechuudhan kanaaf immoo Uummanni aanaa Siree Eebbifamummaan isaanii Abbaan keenya dhufanii waan isin daawwataniif baga gammaddan hojiiwwan hundumaa wal faana taanees akka hojjannuu fi Mana Kiristaanaa keenya wal faana akka ceesisnu jechuudhan ergaa isaanii dabarsaniiru.



Eebbifamummaan isaani Aanaan siree aanaa Tajajiltoota Mana Kiristaanaa hedduu oomishuudhan beekamtuudha Manneen Kiristaanaa fi Kawaalonni Aanaa kana keessatti argamanis kanneen seenaa dhehdeeroo qabaniidha jechuudhan kanaaf immoo tokkoon tokkoon Manneen Koriataanaa Baadiyyaadhaa hamma Magaalatti jabaannee irratti hojjachuu qabna, Ujmmanni aanichaas Tajaajila Mana Kiristaanatti Tokkummaadhan, Jaalalaan, Wal dhagahuu fi Waliif abboomamuudhan akka jabaattan jechuudhan ergaa isaanii dabarsaniiru.

Xummura irrattis hojiiwwan Misoomaa akka aanichaatti hojjatamaa jiran hunduu jabaatanii itti fufuu akka qabaatanii fi kanaafis immoo deeggarsa barbaachisu kamiiyyuu Waajjira Biyya Lallaba Arsiirraa argachuu akka danda'ani beeksisuudhan xummura irrattis Sagantaan Jecha Abbummaa, Eebba fi Kadhannaa Eebbifamummaa isaanitiin Xummurameera.


Eebbi fi Kadhannaan Eebbifamummaa isaanii nurraa adda hin bahin.



ብፁዕ አባታችን አቡነ ኤልሳዕ የአርሲና ሶማሌ ክልል ጅጅጋ ስብከት ሊቀ ጳጳስ የቅዱስ ሲኖዶስ አባል በአርሲ ሀገረ ስብከት በስሬ ወረዳ ቤተ ክህነት ያሉት አብያተ ክርስቲያናት ጎበኙ፣ አድስ ለሚሰራ ቤተ ክርሰቲያንም የመሰረተ ድንጋይ አስቀመጡት።


ብፁዕ አባታችን አቡነ ኤልሳዕ የአርሲና ሶማሌ ክልል ጅጅጋ ስብከት ሊቀ ጳጳስ የቅዱስ ሲኖዶስ አባል በአርሲ ሀገረ ስብከት በስሬ ወረዳ ቤተ ክህነት ያሉት አብያተ ክርስቲያናት ጎበኙ፣ አድስ ለሚሰራ ቤተ ክርሰቲያንም የመሰረተ ድንጋይ አስቀመጡት።

ብፁዕነታቸው በአርሲ ሀገረ ስብከት በስሬ ወረዳ ቤተ ክህነት ያሉት አብያተ ክርስቲያናት በመጎብኘት፣ አድስ ለሚሰራ ቤተ ክርሰቲያንም የመሰረተ ድንጋይ አስቀመጡት ስሆን በዚህ ጉብኝትም
👉 1ኛ የስሬ ደ/ታቦር ቅዱስ ገብርኤል ቤተ ክርሰቲያን የጎበኙት ስሆን ቤተ ክርሰቲያኑንና የፀበል ቦታውን በመጎብኘት ህዝቡንም ቃለ እግዝአብሔር አስተምህሮ ባርከው የስራ መመርያ፣ ቃለ ምዕዳንና ቡራኬ ሰጥቷል።

👉 2ኛ የስሬ ደ/ሰላም ቅዱስ ጊዮርጊስ ቤተ ክርሰቲያን የጎበኙት ስሆን በደብረ ሰላም ቅዱስ ጊዮርጊስ ቤተ ክርሰቲያን ጉብኝትም ከቅድስት ቤተ ክርስቲያኑ ጀምረው በፕሮፌሰር ዶ/ር ዘበና ለማና በቤተ ክርስቲያኑ ሰበካ ጉባኤ ከምዕመናን ጋር በመሆን የተሰራውን ትምህርት ቤትም በመጎብኘት የስራ መመርያና ቃለ ምዕዳንን በመስጠት ህዝቡንም ቃለ እግዝአብሔር አስተምህሮ ባርከው ቡራኬ ሰጥቷል።


👉 3ኛ የስሬ ቅድስት አርሴማ ቤተ ክርስቲያን የጎበኙት ስሆን በዚህም ጉብኝት አድስ እየተሰራ ያለውን ህንፃ ቤተ ክርሰቲያን ቶሎ በተያዘለት ግዜ ውስጥ ተጠናቆ ወደ አገልግሎት እንድገበ የስራ መመርያና ቃለ ምዕዳንን በመስጠት ህዝቡንም ቃለ እግዝአብሔር አስተምህሮ ባርከው ቡራኬ ሰጥቷል።
ብፁዕነታቸው ለአራት አገልጋዮችና ለስሬ ቅድስት አርሴማ ቤተ ክርሰቲያን ሰንበት ትምህርት ቤት የቅድስት ቤተ ክርሰቲያን የማዕረግ ስም የሰጡት ስህን በዚም
1ኛ. ዲ/ን ዮሐንስ ኃይሌ የዲገሉና ጢጆ ወረዳ ቤተ ክህነት ዋና ተቆጣጣሪ #መጋቤ_ሃይማኖት ዮሐንስ ኃይሌ በማለት ተሰይሟል

2ኛ. ቀሲስ አበባ ጋሪ የስሬ ደ/ሰላም ቅዱስ ጊዮርጊስና ደ/ምህረት ቅድስት ክዳነ ምህረት ቤተ ክርስቲያን አስተዳዳሪ መልዐከ ሰላም ቀሲስ አበባ ጋሪ በማለት በብፁዕነታቸው ተሰይሟል

3ኛ. መርጌታ ልሳነ ወርቅ የስሬ ደ/ሰላም ቅዱስ ጊዮርጊስና ደ/ምህረት ቅድስት ክዳነ ምህረት ቤተ ክርስቲያን የአቋቋም መምህር #ሊቀ_ጠበብት መርጌታ ልሳነ ወርቅ በማለት በብፁዕነታቸው ተሰይሟል

4ኛ. መርጌታ መረሐ ፅድቅ የስሬ ደ/ሰላም ቅዱስ ጊዮርጊስና ደ/ምህረት ቅድስት ክዳነ ምህረት ቤተ ክርስቲያን የቅኔ መምህር #መጋቤ_ምስጢር መርጌታ መረሐ ፅድቅ በማለት በብፁዕነታቸው ተሰይሟል

5ኛ. እንድሁም የሰሬ ቅድስት አርሴማ ቤተ ክርሰቲያን ሰንበት ትምህርት ቤትም ስብከተ ኤልሳዕ ሰንበት ትምህርት ቤት በማለት በብፁዕነታቸው ተሰይሟል።



ብፁዕነታቸው በስሬ ወረዳ ቤተ ክህነት በገሰላ ጫጫ ቀበሌ ልዩ ስሙ ጠቦ ጫጫ የሚባለው ቦታ ላይ አዲስ ለሚሰራ ህንፃ ቤተ ክርሰቲያን የመሰረተ ድንጋይ ያስቀመጡት ስሆን በዚህ መረኀ ግብርም ጸሎት በማድረግ አዲስ ለሚሰራ ህንፃ ቤተ ክርሰቲያን የመሰረተ ድንጋይ ያስቀመጡት፣ የሚሰራው ቤተ ክርስቲያንም ቶሎ በመጠናቀቅ ለምዕመናንኑ ለአገልግሎት ክፍት እንድሆንና ከዚህ በፊት በተ ክርሰቲያኑ ስለ ራቀባቸው ምዕመናኑ ከመንፈሳዊ አገልግሎት የራቁ መሆናቸውን በመረዳት ቤተ ክርሰቲያን ሳይርቅባቸው እንድሰራላቸውና ምዕመኑ መንፈሳዊ አገልግሎትን በአቅራቢያቸው እንድያገኙ እንድሁም በቅርበት እንድገለገሉ በማለት የስራ መመርያና ቃለ ምዕዳንን በመስጠት ህዝቡንም ቃለ እግዝአብሔር አስተምህሮ ባርከው ቡራኬ ሰጥቷል።



እዚህ ጉብኝት ላይም የተገኙት የሀገረ ስብከቱ ዋና ስራ አስኪያጅ በኩረ ትጉሃን በለጠ ኃ/ማርያም፣ ሊ/አዕላፍ ክዳኑ ተካ በኢ/ኦ/ተ/ቤ/በመንበረ ፓትርያርክ ጠቅላይ ቤተ ክህነት የቤቶችና ህንፃዎች ድርጂት ጠቅላላ አገልግሎት፣ ዲያቆን ከተማ ባይሣ የሀገረ ስብከቱ ሕዝብ ግንኙነት ክፍል ኃላፊ፣ መጋቤ ሃይማኖት ዮሐንስ ኃይሌ የዲገሉና ጢጆ ወረዳ ቤተ ክህነት ዋና ተቆጣጣሪ፣ መ/ገነት ቀሲስ ግርማ የስሬ ወረዳ ቤተ ክህነት ስራ አስኪያጅ፣ የቤተ ክርሰቲያን አባቶች፣ ሊቃውንተ ቤተ ክርስቲያን ካህናት ወዲያቆናት መምህራነ ወንጌል፣ አገልጋዮች፣ የሰንበት ትምህርት ቤት አባላትና ሰፊ ምዕመናን ተገኝተዋል።


እዚህ ጉብኝት ላይም የተገኙት የሀገረ ስብከቱ ዋና ስራ አስኪያጅ በኩረ ትጉሃን በለጠ ኃ/ማርያም የስሬ ወረዳ ቤተ ክህነትና አብያተ ክርሰቲያናት ታላቅ ገዳማትና አብያተ ክርስቲያናት ያሉበት እንድሁም ብዙ ሊቃውንትን ያፈራ ብዙ የአብነት ተማሪዎችን ማስተማር እንደምችል እና ብዙ ሊቃውንትን ማፍራት እንደምችል
ገልፀው እንደ ሀገረ ስብከቱም ትኩረት ተሰጥቶበት ይሰራልና ሁላችንም በርትተን ልንሰራበት ይገባልና የብፁዕነታቸው ጸሎት ይርዳን በድጋሚ እንኳን ደስ አላችሁ በማለት ለተመራቂዎቹና ለመላው ምዕመናን መልዕክታቸውን አስተላልፏል።


ብፁዕነታቸውም የስሬ ወረዳ ቤተ ክህነትና አብያተ ክርሰቲያናት ታላቅ ገዳማትና አብያተ ክርስቲያናት ያሉበት እንድሁም ብዙ ሊቃውንትን ያፈራ መሆኑን በመግለፅ ብዙ ልንሰራበት የሚገባ ወረዳ ቤተ ክህነት ነው በማለት ከዚህም በፊትም ብዙ ተሰርቶበታልና እንኳን ደስ አላችሁ በማለት ቅድስት ቤተ ክርሰቲያንና ምዕመናኑን የበለጠ እንድታገለግሉ በርትታችሁ በመትጋት መስራት ይገባችኋልና ሀገረ ስብከቱም የሚጠበቅባችሁን ኃላፊነት በትጋት እንድትወጡ በሚያስፈልገው ነገር ያግዛችዋል ብለዋል። ሁላችንም ስናገለግል፣ የቅድስት ቤተ ክርስቲያንን አገልገሎት በፍቅር፣ በአንድነት፣ በጸሎት፣ በመስማማትና በመደጋገፍ እንድታገለግሉ በማለት መመርያና አቅጣጫ ሰጥቷል።



በተጨማሪም በወረዳ ውስጥ እየተሰሩ ያሉ የልማት ስራዎች ተጠናክሮ እንድቀጥልና የሚያስፈልገውን ድጋፍ በሀገረ ስብከቱ በኩል እንደሚያገኙ አሳስበዋል፣ በመጨረሻም ህዝቡን ቃለ እግዚአብሔር አስተምህሮ ባርከው አባታዊ ቃለ ምዕዳንና ቡሬኬ ሰጥቷል፣ መርኃ ግብሩም በብፁዕነታቸው ቡራኬና ጸሎት ተጠናቀዋል።

የብፁዕነታቸው ቡራኬና ጸሎት አይለየን




© Arsi Diocese Public Relations Department
© Biyya Lallaba Arsiitti Kutaa Sab-Qunnamtii
© የአርሲ ሀገረ ስብከት ህዝብ ግንኙነት ክፍል

© የአርሲ ሀገረ ስብከት ሚድያ Miidiyaa Biyya Lallaba Arsii ...✍️

👉 Liinkii Gadii Kana Hordofuudhan Gara Chaanaaliiwwan Miidiyaa Keenyatti Dabalamaa
👉 ከታች ያሉትን ሊንክ በመጫን ወደ ቻናሎቻችን ተቀላቀሉ

👉 FACEBOOK👇👇👇👇👇ፌስቡክ
https://www.facebook.com/share/1bp49TDKhZ/

👉 TIKTOK👇👇👇👇👇ቲክቶት
tiktok.com/@miidiyaa.ku.la.arsii

WhatsApp 👇👇👇👇👇ዋትሳፕ
https://whatsapp.com/channel/0029Vb6ZyoHId7nSWz2Uq73X

Inistagram👇👇👇👇👇ኢንስታግራም
https://www.instagram.com/miidiyaablarsii?igsh=MXRsaDgyeXJwdDdkdQ==

Telegram Chanal 👇👇👇👇👇ቴሌግራም
https://t.me/Arsi21

Telegram Group👇👇👇የግሩፕ ቴሌግራም
https://t.me/+do8_6-C5_ek4MjFk

Telegram Cominicate
@BIYYALALLABAARSII

IMO👇👇👇👇👇ኢሞ
https://call.imo.im/BiyyaLallabaArsii