Biyya Lallaba Arsii(የአርሲ ሀገረ ስብከት)
366 subscribers
1.34K photos
31 videos
7 files
203 links
Download Telegram
Eebbifamoo Abbaan Keenya Abuna Eelsa'i Hangafa Phaaphaasii Biyyoota Lallabaa Arsii fi Naannoo Somaalee Jijjigaa Miseensa Qulqulluu Sinoodosii Waldaa Gargaarsa Maanguddootaa Afoomiyaa Asallaa Daawwatan.

የአርሲ ሀገረ ስብከት ሚድያ Miidiyaa Biyya Lallaba Arsii
#Adoolessa_24_2018_B_A
#Arsii_Asallaa_Itoophiyaa

Eebbifamoo Abbaan Keenya Abuna Eelsa'i Hangafa Phaaphaasii Biyyoota Lallabaa Arsii fi Naannoo Somaalee Jijjigaa Miseensa Qulqulluu Sinoodosii Waldaa Gargaarsa Maanguddootaa Afoomiyaa Asallaa Daawwatan. Daawwannaa isaanii kanaanis Maangoddoota humna dhaban Waggaa jahaatamaa fi sanaa ol ta'an dhibba sadii oliif kan gargaarsa taasisu Waldaa Gargaarsa Maanguddootaa Afoomiyaa tti iddoowwan Maanguddoonni itti gargaaraman, manneen tajaajila adda addaatif oolanii fi meeshaalee gargaarsa Maanguddootaf ta'an hunda daawachuudhan deeggarsa Maallaqaas taasisaniiru.

Sagantaa Daawwannaa kanarrattis kan argaman Hojii Gaggeessaa Biyya Lallaba Arsii Hangafa Hayyootaa Luba Ballaxaa H/Maariyaami, E/Taabor Luba H/Maariyaam Tasammaa Walitti Qabaa Yaa'ii Hayyootaa Waajjirichaa, Dn Katamaa Baayisaa Itti Gaafatamaa Kutaa Sab-Qunnamtii Waajjirichaa, akkasumas Hojii Gaggeessaa Mana Lubummaa Teessoo Phaaphaasii Aanaa Asallaa, Abbaa Qabeenyaa Obbo Daawit Dassitaa, Qaamoleen Mootummaa fi Hundeessituun Waldaa Gargaarsa Maanguddootaa Afoomiyaa Siister Immabeet argamaniiru.

Sagantaa Daawwannaa kanarratti kan argaman Hundeessituun Waldaa Gargaarsa Maanguddootaa Afoomiyaa Sister Immabeeti Eebbifamummaan isaanii qaaman argamuudhan Waldaa Gargaarsa Maanguddootaa kana daawwachuu isaanii fi deeggarsa barbaachisus taasisuu isaanitiin Gammachuun Guddaan kan isheetti dhagahame ta'uu ibsuudhan gara fuulduraattis Eebbifamummaan isaanii fi Waajjirri Biyya Lallaba Arsii deeggarsa isaanirraa barbaachisu Waldaa kanaaf taasisaniif gamanumaa Galata Guddaa dhiyeessanii Kadhannaa fi Eebbi Eebbifamummaa isaaniis akka isaan waliin ta'uuf Eebbifamummaan isaanii kadhannaa akka isaan yaadataniif dhaamsa isaanii gadi of qabummaadhan dabarfataniiru.

Sagantaa kanarratti kan argaman Hojii Gaggeessaa Olaanaan Biyya Lallaba Arsii Hangafa Jabootaa Luba Ballaxaa H/Maariyaamiis hojiin Waldaan Gargaarsa Maanguddootaa hojjachaa jiruu fi deeggarsi inni Maanguddootaf taasisaa jiru kan dinqisiifatamuu fi jajjabeeffamuu qabuudha jechuudhan Eebbifamummaan isaanis qaaman Maanguddoota kana biratti argamanii eebbisuu fi deeggarsa taasisuun isaanii kabajaa fi Jaalala Maanguddootaa fi Waldaa kanaaf qaban kan ibsu jechuudhan ergaa isaanii dabarfataniiru.

Eebbifamummaan isaanitis Qaaman Waldaa Gargaarsa Maanguddootaa fi Maanguddoota kana biratti argamuu isaanitiin kan Gammadan ta'uu ibsuudhan deeggarsa Maallaqaas kan taasisan yommuu ta'u, hojiin Waldaan kuni hojjachaa jiru baay'ee barbaachisaa fi Murteessaa akka Kitaaba Qulqulluuttis ta'ee akka Qulqulleettii Mana Kiristaanattis waan bu'uura ta'ee lafarratti mul'aachaa jiruudha, kunimmoo gama hundaanuu jajjabeeffamee itti deemamuu qaba jechuudhan ammas gara Fuulduraatti waan barbaachisu gama hundumaan Maanguddoota kana cinaa akka Dhaabbatanii fi Waldaa kanas akka deeggaran ibsaniiru.

Xummura irrattis Eebbifamummaan isaanii Maanguddoota Sagalee Waaqayyoo barsiisudhaan, Eebbisuudhan Eebba fi Kadhannaa isaanitiin sagantaan xummurameera.

Eebbi Eebbifamummaa isaanii nurraa adda hin bahin.

ብፁዕ አባታችን አቡነ ኤልሳዕ የአርሲና ሶማሌ ክልል ጅጅጋ ስብከት ሊቀ ጳጳስ የቅዱስ ሲኖዶስ አባል በአሰላ የአፎሚያ የአረጋውያን መርጃ ማኅበር ጉበኙ።

ብፁዕ አቡነ ኤልሳዕ የአርሲና ሶማሌ ክልል ጅጅጋ ስብከት ሊቀ ጳጳስ የቅዱስ ሲኖዶስ አባል በአሰላ የአፎሚያ የአረጋውያን መርጃ ማኅበር ጉበኙ። ብፁዕ አቡነ ኤልሳዕ የአርሲና ሶማሌ ክልል ጅጅጋ ስብከት ሊቀ ጳጳስ የቅዱስ ሲኖዶስ አባል በሲስር እመቤት የተመሰረተ በአሰላ የአፎሚያ የአረጋውያን መርጃ ማኅበር የጎበኙ ስሆን በዝህ ጉብኝትም ከሦስት መቶ በላይ አረጋውያን የሚረዱበት ቦታ፣ የማረፊያና የሚደረግላቸውን የዕርዳታ ዓይነቶች ከጎበኙት በኋላ እንደ አርሲ ሀገረ ስብከትም በብፁዕነታቸው በኩል የገንዘብ ድጋፍ ተደርጎላቸዋል።

ጉብኝቱ ላይ የተገኙት የሀገረ ስብከቱ ዋና ስራ አስኪያጅ በኩረ ትጉሃን በለጠ ኃ/ማርያም፣ መ/ታቦር ኃ/ማርያም ተሰማ የሀገረ ስብከቱ የሊቃውንት ጉባኤ ሰብሳቢ፣ ዲያቆን ከተማ ባይሣ የሀገረ ስብከቱ ሕዝብ ግንኙነት ክፍል ኃላፊ፣ መ/ም ቀሲስ መረተ ማሞ የአሰላ በንበረ ጵጵስና ወረዳ ቤተ ክህነት ስራ አስኪያጅ አቶ ዳዊት ደስታ(ባለ ሃብት)፣ እንድሁም የመንግስት አካላት፣ የማኀበሩ መስራች ሲስተር እመቤትና የማኀበሩ አባላት ተገኝቷል።
1
ሲስተር እመቤት የማኅበሩ መስራች ብፁዕነታቸው የአረጋውያን መርጃ ማኅበሩን በአካል ስለ ጎበኙትና ድጋፍ ስላደረጉት የተሰማትን ደስታ በመግለፅ ለወደፊቱም በብፁዕነታቸውና በሀገረ ስብከቱ በኩል ለሚደረግላቸው እገዛና ትብብር ከወዲሁ ምስጋናቸውን አቅረበዋል።

ጉብኝቱ ላይ የተገኙት የሀገረ ስብከቱ ዋና ስራ አስኪያጅ በኩረ ትጉሃን በለጠ ኃ/ማርያም ማኅበሩ በጎ ስራን በሚገባ እየተወጣ እንደሆነና ብፁዕነታቸውም በአካል ተገኝተው ይህ የአረጋውያን መርጃ ማኅበርን የጎበኙት ለማኅበሩ ያላቸውን ክብርን ያሳያል በማለት አሁንም በሚንችለው አቅም ማኅሩን እናግዛለን በማለት የበኩላቸውን መልዕክት አስተላልፈዋል።

ብፁዕነታቸው ይህንን የአረጋውያን መርጃ ማኅበር በአካል ተገኝተው በመጎበኝታቸው የተሰማቸውን ደስታ በመግለፅ ይህ መሰረታዊ የሆነ ነገር ነው መፅሐፍ ቅዱስም ሆነ እንደ ቅድስት ቤተ ክርስቲያንም ወሳኝ ነገርና የሚበረታታ መሆኑ ገልፀው ድጋፍም በማድረግ ለወደፊቱም በሚያስፈልገው ነገር ትብብርና ድጋፍ ለማድረግ ዝግጁ ነን ብለዋል። በመጨረሻም አረጋውያን እናቶችና አባቶችን ቃለ እግዚአብሔር አስተምህሮ ባርከው አባታዊ ቃለ ምዕዳንና ቡሬኬ ሰጥቷል፣ መርኃ ግብሩም በብፁዕነታቸው ቡራኬና ጸሎት ተጠናቀዋል።

የብፁዕነታቸው ጸሎትና ቡራኬ አይለየን

© Arsi Diocese Public Relations Department
© Biyya Lallaba Arsiitti Kutaa Sab-Qunnamtii
© የአርሲ ሀገረ ስብከት ህዝብ ግንኙነት ክፍል

© የአርሲ ሀገረ ስብከት ሚድያ Miidiyaa Biyya Lallaba Arsii ...✍️

👉 Liinkii Gadii Kana Hordofuudhan Gara Chaanaaliiwwan Miidiyaa Keenyatti Dabalamaa
👉 ከታች ያሉትን ሊንክ በመጫን ወደ ቻናሎቻችን ተቀላቀሉ

👉 FACEBOOK👇👇👇👇👇ፌስቡክ
https://www.facebook.com/share/1bp49TDKhZ/

👉 TIKTOK👇👇👇👇👇ቲክቶት
tiktok.com/@miidiyaa.ku.la.arsii

WhatsApp 👇👇👇👇👇ዋትሳፕ
https://whatsapp.com/channel/0029Vb6ZyoHId7nSWz2Uq73X

Inistagram👇👇👇👇👇ኢንስታግራም
https://www.instagram.com/miidiyaablarsii?igsh=MXRsaDgyeXJwdDdkdQ==

Telegram Chanal 👇👇👇👇👇ቴሌግራም
https://t.me/Arsi21

Telegram Group👇👇👇የግሩፕ ቴሌግራም
https://t.me/+do8_6-C5_ek4MjFk

Telegram Cominicate
@BIYYALALLABAARSII

IMO👇👇👇👇👇ኢሞ
https://call.imo.im/BiyyaLallabaArsii
ብፁዕ አባታችን አቡነ ኤልሳዕ የአርሲና ሶማሌ ክልል ጅጅጋ ስብከት ሊቀ ጳጳስ የቅዱስ ሲኖዶስ አባል በአርሲ ሀገረ ስብከት ሎዴ ሄጦሳ ወረዳ ቤተ ክህነት በሄጦሳ ደብረ ኤላም ቀዳሚሃ ለደብረ ሊባኖስ ቅዱስ በዓለ ወልድና አቡነ ሀብተ ማርያም አንድነት ገዳም ሙሐዘ ሊቃውንት መንፈሳዊ አብነት ትምህርት ቤት የመጽሐፈ ብሉያት ትርጓሜ ለአምስት ዓመት ስማሩ የቆዩ እጩ መምህራን አስመረቁ።

የአርሲ ሀገረ ስብከት ሚድያ Miidiyaa Biyya Lallaba Arsii
#ሐምሌ_25_2018_ዓ_ም
#አርሲ_ሎዴ_ሄጦሳ_ኢትዮጵያ

ብፁዕ አባታችን አቡነ ኤልሳዕ የአርሲና ሶማሌ ክልል ጅጅጋ ስብከት ሊቀ ጳጳስ የቅዱስ ሲኖዶስ አባል በአርሲ ሀገረ ስብከት ሎዴ ሄጦሳ ወረዳ ቤተ ክህነት በሄጦሳ ደብረ ኤላም ቀዳሚሃ ለደብረ ሊባኖስ ቅዱስ በዓለ ወልድና አቡነ ሀብተ ማርያም አንድነት ገዳም ሙሐዘ ሊቃውንት መንፈሳዊ አብነት ትምህርት ቤት የመጽሐፈ ብሉያት ትርጓሜ ለአምስት ዓመት ስማሩ የቆዩ እጩ መምህራን አስመረቁ።



ብፁዕነታቸው ለምርቃቱ ስሄዱ በአርሲ ሀገረ ስብከት ሎዴ ሄጦሳ ወረዳ ቤተ ክህነት በሄጦሳ ደብረ ኤላም ቀዳሚሃ ለደብረ ሊባኖስ ቅዱስ በዓለ ወልድና አቡነ ሀብተ ማርያም አንድነት ገዳምንም የጎበኙት ስሆን በዚህ ጉብኝትም አዲስ እየተሰራ ያለውን ህንፃ ቤተ ክርስቲያን፣ እንድሁም ሌሎች በገዳሙ እየተሰሩና ልሰሩ የታቀዱት የልማት ስራዎችን በመጎብኘት ለገዳሙ የበረከት ችግኞችም በብፁዕነታቸው ተተክለዋል።


እዚህ ጉብኝት ላይም የተገኙት የሀገረ ስብከቱ ዋና ስራ አስኪያጅ በኩረ ትጉሃን በለጠ ኃ/ማርያም፣ መ/ታቦር ኃ/ማርያም ተሰማ የሀገረ ስብከቱ የሊቃውንት ጉባኤ ሰብሳቢ፣ መ/ኃብታት ዘውዱ ታደሳ የሀገረ ስብከቱ ቁጥጥር ክፍል ኃላፊ፣ ዲያቆን ከተማ ባይሣ የሀገረ ስብከቱ ሕዝብ ግንኙነት ክፍል ኃላፊ፣ መልአከ ኃይል ቆሞስ አባ ለይኩን ግፋወሰን  የመንበረ ፓትርያርክ ጠቅላይ ቤተ ክህነት የገጠር አብያተ ክርስቲያናት ገዳማትና  አብነት ትምህርት ቤቶች እርዳታ ማስተባበሪያና ማደራጃ መምሪያና የሄጦሳ ደብረ ኤላም ቀዳሚሃ ለደብረ ሊባኖስ ቅዱስ በዓለ ወልድና አቡነ ሀብተ ማርያም አንድነት ገዳም አበምኔት፣ የቤተ ክርሰቲያን አባቶች፣ ሊቃውንተ ቤተ ክርስቲያን ካህናት ወዲያቆናት መምህራነ ወንጌል፣ አገልጋዮች፣ የሰንበት ትምህርት ቤት አባላትና ሰፊ ምዕመናን ተገኝተዋል።


እዚህ ጉብኝት ላይም የተገኙት የሀገረ ስብከቱ ዋና ስራ አስኪያጅ በኩረ ትጉሃን በለጠ ኃ/ማርያም ይህ ገዳም ታላቅ ገዳምና ብዙ የአብነት ተማሪዎችን ማስተማር እንደምችል እና ብዙ ሊቃውንትን ማፍራት እንደምችል
ገልፀው እንደ ሀገረ ስብከቱም ትኩረት ተሰጥቶበት ይሰራልና ተመራቂዎችና እየተማራችሁ ያላችሁ ሁላችንም በርትተን ልንሰራበት ይገባልና የብፁዕነታቸው ጸሎት ይርዳን በድጋሚ እንኳን ደስ አላችሁ በማለት ለተመራቂዎቹና ለመላው ምዕመናን መልዕክታቸውን አስተላልፏል።



ብፁዕነታቸውም በሄጦሳ ደብረ ኤላም ቀዳሚሃ ለደብረ ሊባኖስ ቅዱስ በዓለ ወልድና አቡነ ሀብተ ማርያም አንድነት ገዳም ሙሐዘ ሊቃውንት መንፈሳዊ አብነት ትምህርት ቤት የመጽሐፈ ብሉያት ትርጓሜ ለአምስት(5) ዓመት ስማሩ የቆዩ እጩ መምህራን እንኳን ደስ አላችሁ በማለት በተማራችሁት ትምህርትም ቅድስት ቤተ ክርሰቲያንና ገዳሙን የበለጠ እንድታገለግሉ በርትታችሁ መትጋት ይገባችኋልና ሀገረ ስብከቱም ወደሚያሰማራችሁ በመሄድ የሚጠበቅባችሁን ኃላፊነት በትጋት እንድትወጡ ብለዋል። እድሁም በአሁኑ ሰዓት ትምህርት ላይ የሚትገኙ ተጠናክራችሁ እንድትማሩ፣ የገዳሙ አገልጋዮች የቅድስት ቤተ ክርስቲያንን አገልገሎት በፍቅር፣ በአንድነት፣ በጸሎት፣ በመስማማትና በመደጋገፍ እንድታገለግሉ በማለት መመርያና አቅጣጫ ሰጥቷል።



በተጨማሪም በገዳሙ ውስጥ እየተሰሩ ያሉ የልማት ስራዎች ተጠናክሮ እንድቀጥልና የሚያስፈልገውን ድጋፍ በሀገረ ስብከቱ በኩል እንደሚያገኙ አሳስበዋል፣ በመጨረሻም ህዝቡን ቃለ እግዚአብሔር አስተምህሮ ባርከው አባታዊ ቃለ ምዕዳንና ቡሬኬ ሰጥቷል፣ መርኃ ግብሩም በብፁዕነታቸው ቡራኬና ጸሎት ተጠናቀዋል።

የብፁዕነታቸው ቡራኬና ጸሎት አይለየን


Eebbifamoo Abbaan Keenya Abuna Eelsa'i Hangafa Phaaphaasii Biyyoota Lallabaa Arsii fi Naannoo Simaalee Jijjigaa Miseensa Qulqulluu Sinoodosii Biyya Lallaba Arsii Mana Lubummaa Aanaa Loodee Heexosaa Kawaala Tokkummaa Tulluu Eelaam Dursaa Tulluu Libaanos Qulqulluu Ayyaana Ilmaa fi Abuna Habta Maariyaam Mana Baruumsa Afuuraa M/Hayyootaatti Hiikkaa Kitaabilee Kakuu Duraa Waggoota shaniif(5) barachaa kan turan Kaadhimamtoota Barsiisotaa Eebbisiisan.


Eebbifamummaan isaanii Eebbaf yeroo deemanitti Biyya Lallaba Arsii Mana Lubummaa Aanaa Loodee Heexosaatti Kawaala Tokkummaa Tulluu Eelaam Dursaa Tulluu Libaanos Qulqulluu Ayyaana Ilmaa fi Abuna Habta Maariyaamiis kan daawwatan yommuu ta'u daawwannaa kanaanis Mana Kiristaanaa Haarawa Ijaarramaa jiruu fi hojiilee misoomaa Kawaalichaan hojjataamaa jiranii fi hojjatamuuf yaadaman gama hundaan ilaaludhaan hojiiwwan hojjatamaa jiran jabaatanii itti fufuu akka qabaatanii fi Manni Kiristaanichaa Haarawa ijaarramaa jirus yeroo qabameef keessatti xummuramuudhan tajaajilaa akka banaa ta'uuf kallattii fi jecha abbummaa kennanii Biqilootas Kawaalicha keessatti dhaabanii jiru.



Sagantaa Eebba fi Daawwannaa kanarrattis kan argaman Hojii Gaggeessaa Olaanaa Biyya Lallaba Arsii Hangafa Hayyootaa Luba Ballaxaa H/Maariyaam, Walitti Qabaa Yaa'ii Hayyootaa Waajjirichaa, Sooraa Qabeenyaa Hawuduu Taaddasaa Itti Gaafatamaa Kutaa Too'annoo Waajjirichaa, Hayyuu Yaa'ii Abrahaam Seefuu Itti Gaafatamaa Kutaa Barnootaa Waajjirichaa, Dn Katamaa Baayisaa Itti Gaafatamaa Kutaa Sab-Qunnamtii Waajjirichaa, Ergamaa Humnaa Qoomos Abbaa Layikuun Gifaawasan Mana Lubummaa Walii Galaatti Itti Gaafatamaa Qajeelcha Ijaarsa Deeggarsa Manneen Kiristaanaa Baadiyyaa, Kawaalotaa fi Manneen Barnoota Duuka Bu'ummaa fi Abbaa/Dursaa Kawaala Tokkummaa Tulluu Eelaam Dursaa Tulluu Libaanos Qulqulluu Ayyaana
Ilmaa fi Abuna Habta Maariyaam, Abboota fi Hayyoota Mana Kiristaanaa, Lallabdoota Wangeelaa, Faarfattoota, Barattoota Dilbataa fi Uummanni bal'aan argamaniiru.



Sagantaa kanarrattis kan argaman Hojii Gaggeessaa Olaanaan Waajjira Biyya Lallaba Arsii Hangafa Jabootaa Luba Ballaxaa H/Maariyaamii Kawaalli kuni Kawaala Guddaa fi Barattoota Duuka Bu'ummaa Baratan hedduu barsiisuu kan danda'uu fi Hayyoota Mana Kiristaanaa hedduu Oomishuu kan danda'u Oomishaas kan jiru ta'uu ibsuudhan kanneen Barnoota keessan turtii waggaa shanii booda har'a eebbifamtanis ta'ee kanneen barachaa jirtanii fi amantoonni hundi keenya jabaannee wal faana taanee hojjachuu qabna akkasumas Kadhannaan Eebbifamummaa isaanii nu gargaara jechuudhan Eebbifamtoota irra deebidhaan Baga Gammadanis jechuudhan ergaa isaanii dabarsaniiru.


Eebbifamummaan isaaniis Barsiisota Duuka Bu'oota Waggoota Shaniif Kawaala Tokkummaa Tulluu Eelaam Dursaa Tulluu Libaanos Qulqulluu Ayyaana Ilmaa fi Abuna Habta Maariyaam Mana Baruumsa Afuuraa M/Hayyootatti barnoota Hiikkaa Kutaaba Qulqulluu Kakuu Duraa barachaa turtaniif baga Gammaddan jechuudhan isa barattaniinis jabaattanii Kawaalichaa fi Qulqulleettii Mana Kiristaanaa tajaajiluu qabdu kan jedhu kaasudhaan kanaafis immoo Waajjirri Biyya Lallaba Arsii kallattii Tajaajilaa isin bobbaasurratti bobbaatanii Uummata Beekkumsa asii argattaniin tajaajiluudhaf of qopheessuu qabdu jechuudhan kallattii fi jecha abbummaa isaanii dabarsaniiru.



Gama biraatin kawaalicha keessatti tajaajilli Barnoota fakkeenyummaas sirritti iratti hojjatamuu akka qabaatu fi Kawaalicha kana caalaa guddisuun akka barbaachisu caqasuudhan, Tajaajiltoonni Kawaalichaatis Jaalalaan, Tokkummaadhan, wal hubachuu fi wal dhaggeeffachuudhan akkasumas wal deeggaruudhan Tajaajila Mana Kiristaanaa kana caalaa babal'isuu akka qabaatan ibsanii jiru. Gama biraatin hojiiwwan Misoomaa Kawaalichaan hojjatamaa jiran jabaatanii itti fufuu akka qabaatanii fi deeggarsa barbaachisu kamiiyyuu karaa Waajjira Biyya Lallaba Arsiitin argachuu akka danda'an ibsanii xummura irrattis uummata sagalee Waaqayyoo Barsiisudhaan eebbisuudhan jecha abbummaa fi kallattii kennuudhan Sagantaa Eebba fi Daawwannaa kana kadhannaa isaanitiin xummuraniiru.


Kadhannaa fi Eebbi Eebbifamummaa isaanii nurraa adda hin bahin





© Arsi Diocese Public Relations Department
© Biyya Lallaba Arsiitti Kutaa Sab-Qunnamtii
© የአርሲ ሀገረ ስብከት ህዝብ ግንኙነት ክፍል

© የአርሲ ሀገረ ስብከት ሚድያ Miidiyaa Biyya Lallaba Arsii ...✍️

👉 Liinkii Gadii Kana Hordofuudhan Gara Chaanaaliiwwan Miidiyaa Keenyatti Dabalamaa
👉 ከታች ያሉትን ሊንክ በመጫን ወደ ቻናሎቻችን ተቀላቀሉ

👉 FACEBOOK👇👇👇👇👇ፌስቡክ
https://www.facebook.com/share/1bp49TDKhZ/

👉 TIKTOK👇👇👇👇👇ቲክቶት
tiktok.com/@miidiyaa.ku.la.arsii

WhatsApp 👇👇👇👇👇ዋትሳፕ
https://whatsapp.com/channel/0029Vb6ZyoHId7nSWz2Uq73X

Inistagram👇👇👇👇👇ኢንስታግራም
https://www.instagram.com/miidiyaablarsii?igsh=MXRsaDgyeXJwdDdkdQ==

Telegram Chanal 👇👇👇👇👇ቴሌግራም
https://t.me/Arsi21

Telegram Group👇👇👇የግሩፕ ቴሌግራም
https://t.me/+do8_6-C5_ek4MjFk

Telegram Cominicate
@BIYYALALLABAARSII

IMO👇👇👇👇👇ኢሞ
https://call.imo.im/BiyyaLallabaArsii