Waraanni Bilisummaa Oromoo Zoonii Giddu Galeessa barnoota siyaasa fi waraanummaan kaadhimamtoota ji'ootaaf barsiisa ture;Akkasumas, barattoota Ogummaa Fayyaan barsiisa ture bifa milkii qabuun eebbisiise dirqama itti aanuuf bobbaaseera.
Godina Matakkal aanota lama keessaa finxaaleyyii Faannoo uummata Agawoo buqqisaa jiraachuun barame.
ONM-ABO Guraandhala 28,2024 Humni finxaaleyyii Amaaraa Faannoo jedhaman naannoo Amaaraa irraa gara godina Matakkal aanota adda addaatti ce'uun uummata buqqisaa jiru.
Karoora lola isaanii Amaara keessaa naannolee birootti geggeessuuf qabatan hordofuun dheengadda Guraandhala 26,2024 irraa qabuun hanga guyyaa har'aatti godina Matakkal aanaa Zigamaa fi Aayyoo Googistaa keessaa uummata sabaan Agawoo ta'an irratti tarkaanfii fudhachuun buqqisaa jiru.
Hidhattootni Faannoo Goojjam irraa ce'an kun aanaa Zigamaa keessaa gandoota akka Go'aa, Sorxii fi Haayitii irraa, akkasumas aanaa Aayyoo Googistaa keessaa gandoota akka Ambala, Budiit fi Arbiit irraa buqqisanii jiru.
Buqqaatii geggeessan malee qabeenya saamuunii fi namoota irrattis tarkaanfii ajjeechaa fudhatanii akka jiran maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himaniiru.

Media is too big
VIEW IN TELEGRAM
Oduu Waaree ONM-ABO Guraandhala 28, 2024 titti dhiyaadha!
https://www.facebook.com/share/v/kwAizQ5s8NC8rT3f/

Kibba lixa Shaggar aanaa Qarsaa Maallimaa keessatti dargaggoonni shan dhiirri afuriif shamarran tokko bakka tokkotti waraana shiftaa Abiy Ahimediin ajjeefaman maqaan isaanii jiraattoota irraa argame.
ONM-ABO Guraandhala 28,2024 Oromiyaa keessatti ajjeechaan murna bilxiginnaan geggeeffamu aadeffatamuun ilmaan Oromoo balleessaa tokko malee keessattuu yeroo ammaa dargaggoo irratti xiyyeefatamuun ajjeechaan jumlaa irratti raawwatamaa jira.
Guraandhala 22,2024 kibba lixa Shaggar aanaa Qarsaa Maallimaa keessaa dargaggoota shan dhiira afuriif shamarree tokko mana hidhaa irraa baasuun rasaasa itti roobsanii ajjeesuun isaanii ni beekama.
Dargaggoonni ajjeefaman kunneenis maqaan isaanii Geetuu, Gazzuu Dajanee, Taarikuu Dabalee, Kushaa Gammadaa fi shamarree Shittuu Wandimmuu ta'uu jiraattotni ONM'tti himaniiru.
Dargaggoonni ajjeefaman kunneen guyyoota muraasa dura hidhattoota sirnichaan qabamuun kan hidhaman yoo ta'u turtii guyyoota muraasaa booda ammoo daandii gubbaatti baasuun ija hawaasaa duratti akka ajjeesan jiraattotni ibsan.
Ajjeechaan murna bilxiginnaan uwwisa miidiyaa Addunyaa fi dhaabbata mirgoota namoomaa jalaa dhokachuun Oromiyaa bakkeewwan hedduutti raawwatamaa jiru daran hammaatee itti fufee jira.

Waraanni faashistii PP godina Lixa Wallaggaa aanaa Qondaalaa keessatti wal rukutan.
ONM-ABO Guraandhala 28,2024 Gareen maafi'aa PP Abiy Ahimediin hogganamu gadaa aangoo isaa dheereffachuuf loltoota isaa uummatatti bobbaasee qe'ee uummata Oromoo gooluu, saamuu fi namoota nagaa ajjeesuun cinaatti walitti dhukaasuun wal ajjeesuus jabeessanii jiru.
Akka kanaanis dheengadda Guraandhala 26,2024 humni godina Lixa Wallaggaa aanaa Qondaalaa magaalaa Liqixii fi magaalaa Qondaalaa maadheffate ganda Kollii Caarphaatti galgala keessaa sa'a tokkotti meeshaalee gurguddaan osoo hin hafne walitti dhukaasuun reeffaa fi madoo konkolaataan kaleessa ganama kaafachuun barameera.
Sababni walitti dhukaasanis sakatta’iinsa jechuun mooraa lachuu irraa ba'anii osoo deemanii yeroo wal bira ga'aniitti Waraana Bilisummaa Oromooti waliin jechuun akka walitti dhukaasan jiraattotni ni dubbatu.
Gocha irratti raawwate dhokfachuufis WBO waliin wal lolaa turre jedhanis, hawaasni garuu dhugaa jiru waan beekuuf holola isaan gadhiisan harkaa fudhachuu diduu dabaluun Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himaniiru.

Waraanni Bilisummaa Oromoo zoonii GG mooraa barnoota garagaraa keessatti barnoota siyaasaa, waraanaa fi ogummaa fayyaan barsiisaa ture eebbisiise.
ONM-ABO Guraandhala 28,2024 Roorroo garbummaa sirni impaayera Itoopiyaa Uummata Oromoo irraan ga'aa jirutti xumura gochuun nagaa waaraa, bilisummaa sabaa fi walabummaa biyyaa uummata Oromoo gonfachiisuuf qabsoon Oromoo yeroo kamiyyuu caalaa sadarkaa abdachiisaa irra jira. Imaanaa qabsoo dhalootni wal harkaa fuudhee har’a irra ga'een dacheen Oromiyaa kaaba, kibba, bahaa fi dhihatti baaruda walabummaa ulachaa jirti.
Qabsoo Oromoo sadarkaa barbaadamuun goolabbii itti tolchuuf gootichi Waraana Bilisummaa Oromoo qurxummiilee itti horsiisa, galaanichas itti humneessaa jira. Ji’oota darbaniifis zoonii Giddu galaa bakkeewwan garaagaraatti barnoota siyaasaa, waraanaa fi ogummaa fayyaan kaadhimamtoota barsiisaa ture torban kana keessa bifa milkii qabuun Guraandhala 26, 2024 eebbisiisee xumureera.
Yeroo itti mootummaan filannoo lolaa dhabee humna qilleensaan hawaasa nagaa miidhaa fi shororkaa uumaa jirutti humna guddaa funyaan Finfinnee jalatti barsiisuun kan bobbaase WBO'n gara fuulduraattis qabsoon roga maraa akka itti fufu qondaalotni eebba kana irratti argaman himaniiru.
‘ Dhalootni har’a qabsoo gaggeessa jirru seenaa keessatti waan badaa fi gaariin jiraachuu himuun nuti dhaloota waan badaa irraa baratee daandii qabsoo sirrii filatuu fi waan gaarii jabeeffatu akka taane kan himan Itti aanaa ajaja WBO Zoonii GG Jaal Jireenyaa Rabbumaati.
Sirna eebba ogeessota fayyaa irratti haasaa kan godhan Jaal Sanyii Nagaasaa ogummaa loltummaa biratti ogummaa fayyaa horachuun dirqama lamaaf kan isin qopheessu waan ta’eef dirqama kana ba'uuf naamusni fi jabinni keessan murteessaadha jedhan. Dhukkubsataa karaa xiinsammuu fi qorichaan yaaluuf waan deemtaniif naamusni keessan furtuu yoo ta’u, uummata Oromoos ta’ee nama dhukkubsatu kamuu waan qabaniin yaaluun dirqama ogummaan fayyaa namatti kennuu fi hojii irratti isin eeggatuudha jedhaniiru.
Sirna eebbaa marsaa ‘Galmee Seenaa’ mooraa gargagaraatti gaggeeffame kana irratti miseensa Koree Hojii Raawwachiistuu ABO WBO fi ajajaa WBO Zoonii GG Jaal Sanyii Nagaasaa dabalatee qondaalotni, miseensotni WBO fi uummatni Oromoo irratti hirmaataniiru.
Guutuu Eebbaa WBO Zoonii Giddu Galeessaa sagantaa keenya itti aanuun isiniif dhiyeessina!

https://fb.watch/qvgr5kaam8/
https://fb.watch/qvgr5kaam8/
ONM-ABO Guraandhala 29,2024 Eebba WBO mooraa zoonii Giddu Galeessaa keessatti geggeeffameen, Haasaan Miseensi Koree Hojii Raawwachiiftuu fi Ajajaan WBO zoonii Giddu Galeessaa Jaal Sanyii Nagaasaa dubbatan kutaa 2ffaa eebba kanaa goonee qabannee isiniif dhiyaanna.
Galgala kana sa'a 1:00 irratti nu eegaa!
WBO abdii bilisummaa !
Arraata Biyyoolessa Oromiyaa
Injifannoon Uummata Oromoof!
Galgala kana sa'a 1:00 irratti nu eegaa!
WBO abdii bilisummaa !
Arraata Biyyoolessa Oromiyaa
Injifannoon Uummata Oromoof!
Media is too big
VIEW IN TELEGRAM
Prof. Abbas H.Ganamoo
Gocha Minilik Arsii keessatti, Aanolee irratti uummata Oromoo irratti raawwate Haasaa Hayyuu Oromoo Pr. Abbaas Haaji Ganamoo irraa dhaggeeffadha!
Gocha Minilik Arsii keessatti, Aanolee irratti uummata Oromoo irratti raawwate Haasaa Hayyuu Oromoo Pr. Abbaas Haaji Ganamoo irraa dhaggeeffadha!
Media is too big
VIEW IN TELEGRAM
ONM-ABO -የካቲት 29/2024 ዓ.ም ሳምንታዊ የኦሮሞ ነፃነት ሠራዊት ዉሎ ።
https://www.facebook.com/share/v/z15ondMNxpwnzx7W/
https://www.facebook.com/share/v/z15ondMNxpwnzx7W/
Media is too big
VIEW IN TELEGRAM
Guutuu Suur-sagalee fi Gabaasa Guutuu Sirna Eebba WB0 Zoonii Giddu Galeessaa Jaal Gurmuu Lachiisaan qindaa'etti dhi'aadha !
https://www.facebook.com/share/v/zkytchWjn2aAiod8/