Rabbuunii
241 subscribers
28 photos
2 videos
8 files
89 links
Sagaalee waaqayyoo dhaga'ii
Download Telegram
๐Ÿ˜ขKadhannaa Waa'ee Biyyaaf๐Ÿ˜ข

(Namni hundi yaada afuuraan ta'ee kadhachuu kan qabu)

๐Ÿ˜ขMaaloo yeroo isa gaarii nuuf kenni! Maaloo bara isa gaarii nuuf fidi!

๐Ÿ˜ข"Kadhadhaa isiniif kennama" kan nuun jette yaa Waaqa abboolii keenyaa si kadhanna! Yeroo akka nuuf kennitu; maaloo si kadhannaatii adaraa yeroo nuuf kenni; maaloo bara nuuf fidi!

๐Ÿ˜ญIsa yaadne akka jalqabnuuf, isa jalqabne akka xumurruuf, isa hawwine akka arginuuf, isa yaadne akka argannuuf maaloo adaraa yeroo nuuf kenni; bara nuuf fidi!

๐Ÿ˜ญObboloota keenya akka jaalannuuf, kan isaan yaadne waliin akka wal arginuuf, kan nurraa adda bahan akka arginuuf, warri deeman akka deebi'aniif, warri fagaatan akka dhiyaataniif, warri badan akka argamaniif, kan bittinnaa'an akka walitti qabamaniif, kan bahan akka galaniif, kan jiran akka jabaatanii fi eegamaniif, xixiqqoon keenyi akka guddataniif, gurguddon keenyi akka turaniif, kan dhalatan akka guddataniif, maaloo yeroo nuuf kenni; maaloo bara nuuf fidi!

๐Ÿ˜ญNamootaaf kan garaa itti bal'annu, obboloota keenyaaf yeroo kan itti kenninu, kan dhugaa itti dubbannu, kan itti waljajjabeessinu, kan itti wal jaalannu, obboleessa koo obboleettii koo kan itti waliin jennu, obboloota keenya kan itti barbaadnu, obboleettiiwwan keenya kan itti do'annu, yaada keenya isa gaarii kan itti ibsannu, waan keessa keenyaa kan itti hubachiisnu, fira kan itti baay'ifannu, obbolootaa fi obboleettiiwwan baay'ee kan itti godhannu, maaloo yeroo nuuf kenni; bara nuuf fidi!

๐Ÿ˜ญKan tokko itti taanu, kan waliin taanee itti hojjennu, kan waliin taanee ittiin tajaajillu, kan waliin taanee itti kadhannu, kan waliin taanee subaa'ee itti qabannu, kan waliin taanee itti gara keetti boonyu, kan waliin taanee itti sagadnu, kan waliin taanee dhiigaa fi foon kee fudhannu, kan waliin taanee itti barannu......yeroo nuuf kenni; maaloo bara nuuf fidi!

๐Ÿ˜ญIrra caalaa kan itti waliigallu, baay'isnee kan itti waljaalannu, jaalalaan kan itti waldhaggeeffannu, warreen kaaniif kan bakka itti gadhiisnu, afuura callisuun kan itti jabaannu, jaalalaaf kan itti moo'atamnu, obboloota keenya kan itti yaadnu, warreen kaaniif kan itti jiraannu, yeroo nuuf kenni; maaloo bara nuuf fidi!

๐Ÿ˜ญXixiqqoowwan keenya kan itti quunnamnu, gurguddoota keenyaan kan itti gorfamnu, isa durii kan itti yaadannu, isa nuuf godhame kan itti yaadannu, bara isa gaarii kan itti yaadannu, jibba kan itti dhiisnu, obboleessa keenya waliin haaloo malee kan itti jiraannu, cubbuu obboleessa keenyaa kan itti dhoksinu, yeroo nuuf kenni; maaloo bara nuuf fidi!

๐Ÿ˜ญAfuuraan akka taanuuf, kan baranneen akka jiraannuuf, kan dhageenyeen akka ajajamnuuf, firii gaariin akka nurraa argamuuf maaloo yeroo nuuf kenni; maaloo bara nuuf fidi!

๐Ÿ˜ญKan nu yakkaniif kan itti dhiisnu, kan nutti gaddan kan itti dhiifama gaafannu, badinsa keenya irraa kan itti deebinu, yakka keenyaan kan itti gaabbinu, cubbuu keenyaaf qalbii kan itti jijjiirranu yeroo nuuf kenni; maaloo bara nuuf fidi!

๐Ÿ˜ญBara kan itti boojinu, mana kiristaanaaf kana itti hojjennu, waldaawwan wangeelaa kan itti taanu, missiraachoo kan itti dubbannu, kan dukkanatti nutti himame ifatti kan labsinu, gurratti kan nutti himame tulluu irratti kan itti lallabnu, dhaaltota abboota keenyaa kan itti taanu, yeroo nuuf kenni; maaloo bara nuuf fidi!

๐Ÿ˜ญAkka eeyyama keetti kan itti jiraannu, fedhii keenya kan itti mo'annu, yaada keef kan itti jiraannu, jecha keef kan itti booji'amnu, cubbuu duunee qajeelummaaf kan itti dammaqnu maaloo bara itti hin mufanne, bara itti hin gaabbine nuuf fidi!

๐Ÿ˜ญMaaloo yaa waaqa keenyaa mana kiristaana keenya qorumsa irraa biyya keenyaa fi uummataa ishii qorumsaa fi rakkina hunda irraa nuuf eegi! Ameen!

https://telegram.me/Ameennaafhaatauu
https://telegram.me/Ameennaafhaatauu
Maqaa Abbaa kan ilma kan Hafuuraa Qulqullu waaqa tokko Ameen

Waa'ee tulluu ejjersaa gababinaan

* Maqaa moggossaa Qulqulluun Yaared sanbatoota tsooma guddaaf laatee keessaa torban shanaffa dha.
Guyyaa kanattis waa'ee deebi'ee dhufuu ilma nama fi mallatton dhufaati isaa kan itti dubbatamuu dha.

* #Goftaan_keenya_Iyyesuus_Kiristoos tullu inni irra ta'ee waa'ee dhufaati isaaf mallattoo laate dha.
Mat 24:1-36

* #Qulqullun_Dawiit farsaa 21 farfaachaa bo'iichaa fi gaddan milla isaa duwwa tullu irraa bahee dha.
2 Samuel 15:30

* #Bartootni_Gooftaa tullu(garaa) isaan irratti #galataa_addaan kan gooftaa keenya itti galateeffatani dha.
Luq 19:37

* #Gooftaan_keenyaa_Iyyesuus_Kiristoos guyyaa guyyaa baarsiisaa oole halkaan bakka inni buluu ture.
Luq 21: 37

* #iccitiin_ol_bahuu_goofta_keenya_Iyyesuus_Kiristoos bakka itti rawwaate dha.
H duka bu'oota 1:12

* #Gooftan_keenya_Iyyesuus_Kiristoos yeroo dhufaati isaa tullu inni irratti mulatuu dha.
Mat 24:37 H D buh1:13

Waaqa nuu baarsiseef galaatni haa ta'uu

@Ameennaafhaatauu
@Ameennaafhaatauu

#Baarumsa_huufuraa_yeroo_isaa_egaatee_Afaan_oromoon_argaachuuf_channel_keenyaaf_maatii_taha.

@Ameennaafhaatauu
@Ameennaafhaatauu

Yaada yoo qabataan karaa
@Amen_mahri27
Nuun ga'a.
@Amen_mahri27
Dn Gammadaa Nagaraa:
แ‰ แˆตแˆ˜ แŠ แ‰ฅ แ‹ˆแ‹ˆแˆแ‹ต แ‹ˆแˆ˜แŠ•แˆแˆต แ‰…แ‹ฑแˆต แŠ แˆแ‹ฑ แŠ แˆแˆ‹แŠญ แŠ แˆœแŠ•
๐ŸŒน๐ŸŒน๐ŸŒน๐ŸŒน๐ŸŒน๐ŸŒน๐ŸŒน๐ŸŒน
"แˆ•แ‹แ‰ค แˆ†แ‹ญแฅ แŠ“ แ‹ˆแ‹ฐ แ‰คแ‰ตแˆ…แˆ แŒแ‰ฃแฅ แ‹ฐแŒ…แˆ…แŠ• แ‰ แŠ‹แˆ‹แˆ… แ‹แŒ‹ แ‰แŒฃ แŠฅแˆตแŠชแ‹ซแˆแ แ‹ตแˆจแˆต แŒฅแ‰‚แ‰ต แŒŠแ‹œ แ‰ฐแˆธแˆธแŒแข" แ‰ตแŠ•แ‰ขแ‰ฐ แŠขแˆณแ‹ญแ‹ซแˆต 26 : 20
๐ŸŒท๐ŸŒท๐ŸŒท๐ŸŒท๐ŸŒท๐ŸŒท๐ŸŒท๐ŸŒท๐ŸŒท
แ‹จแ‰ฐแ‹ˆแ‹ฐแ‹ณแ‰ฝแˆ แ‹จแŠฅแŒแ‹šแŠ แ‰ฅแˆ”แˆญ แ‰คแ‰ฐแˆฐแ‰ฆแ‰ฝ แ‹จแ‹ตแŠ•แŒแˆ แˆ›แˆญแ‹ซแˆ แ‹ˆแ‹ณแŒ†แ‰ฝ แŠฅแŠ•แ‹ฐแˆแŠ• แˆฐแАแ‰ แ‰ณแ‰ฝแˆ? แŠฅแŒแ‹šแŠ แ‰ฅแˆ”แˆญ แ‰ แˆแˆ…แˆจแ‰ฑแŠ“ แ‰ แŒ แ‰ฅแ‰†แ‰ฑ แŒ แ‰ฅแ‰†แŠ• แˆˆแ‹šแˆ…แ‰ฝ แ‹•แˆˆแ‰ตแŠ“ แˆฐแ‹“แ‰ต แ‹ซแ‹ฐแˆจแˆฐแŠ• แŠญแ‰ฅแˆญแŠ“ แˆแˆตแŒ‹แŠ“ แŠ แˆแˆแŠฎแŠ“ แ‹แ‹ณแˆด แˆˆ แŠฅแˆญแˆฑ แ‹ญแˆแŠ• แข แ‹จแˆ›แ‰ตแˆˆแ‹จแ‹ แŠฅแŠ“แ‰ฑ แŠฅแŠ“แ‰ณแ‰ฝแŠ• แ‰…/แ‹ตแŠ•แŒแˆ แˆ›แˆญแ‹ซแˆแˆ แˆตแˆŸ แ‹จแ‰ฐแˆ˜แˆฐแŒˆแА แ‹ญแˆแŠ• แข แŠ แˆœแŠ•
๐ŸŒน๐ŸŒน๐ŸŒน๐ŸŒน๐ŸŒน๐ŸŒน๐ŸŒน
แ‰ แŠ แˆแŠ‘ แŒŠแ‹œ แŠจแ‰ฐแŒˆแˆจแŒ แ‰ฅแŠ• แˆแ‹ตแˆซแ‹ŠแŠ“ แŒŠแ‹œแ‹ซแ‹Š แ‹ฐแ‹Œ แˆˆแˆ˜แŠจแˆ‹แŠจแˆแˆ แˆ†แА แˆˆแˆ˜แ‹ณแŠ• แŠจแ‹จแ‰ตแŠ›แ‹แˆ แŒŠแ‹œ แ‰ แ‰ แˆˆแŒ  แ‰ แ†แˆแŠ“ แ‰ แ€แˆŽแ‰ต แ‰ แˆญแ‰ตแ‰ฐแŠ• แ‹ˆแ‹ฐ แŠฅแŒแ‹šแŠ แ‰ฅแˆ”แˆญ แˆ˜แ‰…แˆจแ‰ฅ แŠ แˆ›แˆซแŒญ แ‹จแˆˆแˆˆแ‹ แ‰ฅแ‰ธแŠ›แ‹ แˆแˆญแŒซ แАแ‹ แข
๐ŸŒน๐ŸŒน๐ŸŒน๐ŸŒน๐ŸŒน๐ŸŒน๐ŸŒน๐ŸŒน๐ŸŒน๐ŸŒน
แŠ แ‹ตแАแŠ” แŠฅแˆแˆ˜แŠ แ‰ฑ แˆฐแ‹แˆจแА แ‰ แˆแˆ…แˆจแ‰ฑ
แ‰ แŠฅแŠ•แ‰ฐ แˆ›แˆญแ‹ซแˆ แ‹ˆแˆ‹แ‹ฒแ‰ฑ ๐ŸŒท๐ŸŒท๐ŸŒท
แŠ แˆœแŠ• แ‹ญแˆฐแ‹แˆจแŠ•๐ŸŒน๐ŸŒท๐ŸŒน
แ‹ˆแˆตแ‰ฅแˆแ‰ต แˆˆแŠฅแŒแ‹šแŠ แ‰ แˆแˆญ แ‹ˆแˆˆ แ‹ˆแˆ‹แ‹ฒแ‰ฑ แ‹ตแŠ•แŒแˆ แ‹ˆแˆˆ แˆ˜แˆตแ‰€แˆ‰ แŠญแ‰กแˆญ แŠ แˆœแŠ• แ‹ญแ‰†แ‹จแŠ•๐ŸŒท๐ŸŒน๐ŸŒท๐ŸŒน๐ŸŒท๐ŸŒน๐ŸŒท๐ŸŒน
แ‹ˆแŠ•แŒŒแˆแŠ• แ‰ฃแˆ แˆฐแ‰ฅแŠญ แ‹ˆแ‹ฎแˆแŠ/Wangeela Yoon Lallabuu Baadhe Anaaf Wayyoo:
แ‹จแŠฆแˆญแ‰ถแ‹ถแŠญแˆต แ‰ฐแ‹‹แˆ’แ‹ถแŠ• แˆตแˆญแ‹“แ‰ตแŠ“ แ‰€แŠ–แŠ“แ‹แŠ• แ‹จแŒ แ‰ แ‰ แ‹จแŒŒแ‰ณแ‰ฝแŠ•แŠ• แŠ แˆแˆ‹แŠญแАแ‰ต,แ‹จแ‹ตแŠ•แŒแˆ แˆ›แˆญแ‹ซแˆแŠ• แŠ แˆ›แˆ‹แŒ…แАแ‰ต, แ‹จแˆ˜แˆ‹แŠฅแŠญแ‰ตแŠ• แ‰ฐแˆซแ‹ณแ‹ญแАแ‰ต, แ‹จแ‰…แ‹ฑแˆณแŠ• แ‹จแˆ แˆ›แ‹•แ‰ณแ‰ต แ€แˆŽแ‰ตแŠ“ แŠ แˆตแ‰ฐแˆซแ‰‚แАแ‰ต แ‹ซแ‹˜แˆ‰ แ‰ตแˆแˆ…แˆญแ‰ถแ‰ฝ แ‹จแˆšแˆฐแŒฅแ‰ แ‰ต แ‰ปแŠ“แˆ @TrueBibleFromOrthodoxPreaching แ‰ แˆ˜แŒซแŠ• แ‹ญแ‰€แˆ‹แ‰€แˆ‰ แข @TrueBibleFromOrthodoxPreaching แŠฅแŠ•แˆ›แˆ›แˆญ แˆˆแˆแ…แ‹“แ‰ฑแˆ แŠฅแŠ•แ‹˜แŒ‹แŒ… @TrueBibleFromOrthodoxPreaching
Amen Mhri:
๐ŸŒท๐ŸŒท๐ŸŒท๐ŸŒท๐ŸŒท๐ŸŒท๐ŸŒท๐ŸŒท๐ŸŒท๐ŸŒท๐ŸŒท๐ŸŒท BAGA YAADANNOO SOOMAA FILSATAA DUBROO MAARIYAAM NAGAAN GEESSAN. ๐ŸŒท๐ŸŒท๐ŸŒท๐ŸŒท๐ŸŒท๐ŸŒท๐ŸŒท๐ŸŒท๐ŸŒท๐ŸŒท๐ŸŒท๐ŸŒท
Hagayya 1-16 tti kan soomamuu dha. Jechi " Filsataa" jedhu jecha Girikiiti. Hiikni isaa iddoo dhokatee kan mul'ate, iddoo awwaalamees kan argame jechuudha. Tsoomiin Filsataa kan inni soomamuuf harmeen gooftaa keenya Iyyesuus Kiristoos Giiftii Maariyaamiin umurii 64 isheetti bara 49 Amajjii (Xirri) 21 boqotte.

Barattootni gooftaa Iyyasuus kiristoos iddoo awwalchaatti utuu geessaa jiranii Ayihudonni karaarra ta'aanii reeffashee gubuudhaaf yemmuu jedhan bartootni lafa ka'aanii lola jalqaban. Yeroo kana waaqayyoo waaqa irratti ergamoota isaa ergee reeffa haadha keenya Maariyaamii gara samiitti ol fuudhee muka jireenya jala kaa'e.


Bartootni gooftaa keenyaa yeroo kanatti hin agarre lola irra turan waan ta'eef. Haa ta'u malee bartoota keessaa guyyaa sana lallaba wangeelaatiif iddoo biraa deema kan ture Yohaannis Abbaa Wangeelaa akka Filiphiyoos duumessa yaabbate H.Erg.8:29. Innis lallabaa galaa osoo jiruu waaqayyoo itti mulโ€™isee reeffa Giiftii keenyaa Durboo Maariyaamii arge. Bartootni gooftaa keenyaa ji'a ja'a (6) egaa turanii arguu waan hin dandeenyeef amantootatti labsii labsanii Hagayya 1 reeffa giiftii keenya maariyaamii arganii awwaallachuuf jedhanii sooma eegalanii Hagayya gaafa 14 reeffa ho'aa ammaa boqote godhee fidee isaaniif laatee ijoollee koo jabaadha jedhee jajjabeesse. Isaanis gammachuudhaan fudhatanii Geeta Semaani iddoo jedhamutti awwaallatan. Gaafa kana immoo bartuu gooftaa keessaa Toomaas hin jiru ture. Giiftii keenya Maariyaamiin awwaalamtee gaafa guyyaa sadii Hagayya kudha ja'a(16) gooftaan keenya Iyyasuus Kiristoos ergamoota isaa wajjin mulโ€™atee gara iddoo boqonnaatti awwaalcha sana keessaa ishee kaasee akka ol baatu godhe. Yeroo isheen ol baatus duumessa irratti ammaa immo Toomaas ni arge. Giiftiin keenya Maariyaaminis waan isheef godhan hundumaa itti himtee yaadannoodhaaf immoo kafana ishee laatteefii Toomaas gara bartootaa yemmuu dhufu bartootni waan ta'e itti himan. Yeroo kanatti awwaala qooteen ilaala malee itti hin amanu jedhe.

Barattootnis immoo ati du'aa ka'uu gooftaa keenya Iyyesuus Kiristoosis shakkitee turte, reeffa giiftii keenya Maariyaamii argannee awwaallachuu keenyattis maaliif shakkita kottuu dhaqnee sitti agarsiisnaa jedhaniin. Awwaalichas gaafa qotanii ilaalan awwaalli duwwaadhaa. Giiftiin keenya akka du'aa ka'uu Ilmaa isheettii kaateetti waan ta'eef barattootni hin na'aan, yemmuu kanatti Toomaas hin na'inaa jedhee waan ta'e hundaa itti himee. Giiftiin keenya Maariyaamiin utuu olba'aa jirtuu duumessa irratti na agartee na eebbistee waan ta'e hundumaa natti himteetti hoo yaadannoodhaafis kafana ishee naaf laatteetti jedhee itti agarsiise. Isaanis eebbaaf kafana ishee hirmaatan. Yemmuu isheen ol baate kan argee Toomaas qofa ture. Kanaafis barattootni waggaasaatti maree bal'aa godhatanii nutis arguu qabna jedhanii subaayee galanii Hagayya tokko soomaa jalqabanii Hagayya gaafa 16 barattoota hunda isaanii gara samiitti ol fuudhee mana qulqullummaa isa samii keessa isaan kaa'ee giiftii keenya Maariyaamiin Taabota taasisee, ofii isaatii luba 1ffaa ta'ee, Isxifaanoosiin daquunii isa 1ffaa godhee Qiddaasee qaddasee si'a lammaffaa qurbaanaa isaaniif kenne. Waaqayyoo waan hundumaa gochuu dandaโ€™a waan ta'eef. Akkumaa mat.17:1-4 irratti dinqii raawwate Warra jiranis, warra du'anis wajjin qaddasee Bartootni gooftaa keenya Iyyesuus kiristoos sooma kanaan eebba guddaa waan argataniif kiristaanoonni martinuu eebba akkasii argachuudhaaf waggaa waggaadhaan, yaadannoodhaafiis jecha akka lagataniif abboomaman.

๐ŸŒผ๐ŸŒผ๐ŸŒผ๐ŸŒผ๐ŸŒผ๐ŸŒผ๐ŸŒผ๐ŸŒผ๐ŸŒผ๐ŸŒผ๐ŸŒผ๐ŸŒผ Waaqayyoof galanni haa ta'u!
Ameen https://telegram.me/Ameennaafhaatauu torbee tsooma gaarii @Amen_mahri27
Channel photo updated
Maqaa Abbaa Kan Ilmaa Kan Afuura Qulqulluu Waaqayyo Tokkoon Ameen!!?
"Guyyaa Filatamtuu ( แ‹•แˆˆแ‰ฐ แˆแˆชแ‹ซ )"
Jiโ€™a Kudha Sadaffaa Kan Biyya Keenyaa Kan Taate Dinqii Jiโ€™i Phaagumee Qabdu !!!
Phaagumee (Qaammee) 5, 6, 7 Kan Tahu Akkamitti Laata?
Nageenyi waaqayyoo isiniif haa baayyatu jechaa harโ€™a waahee jiโ€™a kudha sadaffaa biyya keenyaa fi akkamittii fi yoom akka gegedaramu waliin ilaalla abbaa ogummaa kan tahe Waaqayyo Gooftaan Keenya iccitii isaa nuuf haa hiiku fuula isaas nuuf haa ibsu. Ameen!
Lakkoofsa baraa Itoophiyaa adda kan taasisan keessaa tokko Phaagumee (Qaammee) kan jedhamtu jiโ€™i 13ffaa (kudha sadaffaa) qabaachuu keemyadha. Jiโ€™a kana keessas kiraa manaa fi mindaa jiโ€™aa kan itti hin kaffallee fi hin fudhatamne, gatiin ibsaa fi bishaanii garuu kan jiโ€™a hagayyaa faana dabalanii kan itti kanfalanii fi yoo barbaadde 5, yoo feetemmoo 6, yoo ishee barbaachises 7 jiโ€™a taatu dha.
Jiโ€™oota 12โ€™n Itoophiyaa irraa adda kan taatedha. Kunis tokkoffaa jiโ€™a ishee xiqqoodha. Lammaffaa ammo ayyaanonni jiโ€™aa kan irra hin oollee fi guyyoonni ishees kan gegeeddaraman .jiโ€™a ishee qofadha. Jiโ€™oota Itoophiyaa kan biro irraa adda taatee moggaasni maqaa ishee illee kan Ithoophiyaa kan hin taanedha. Baroota lama gidduuttis akka ceโ€™umsaatti jiโ€™a ilaalamtudha.
PHAAGUMEE jechuun afaan Giriikiitiin DABALATA jechuu yammuu tahu waggaa, guyyoota soddomaan gaafa qoodnu., guyyoota hafan walitti qabuudhaan kan moggaasan, jiโ€™a dabalataati. Yookaan ammoo guyyaa guyyaa dhaan akkaataa lakkoofsaa kan aduu fi kan jiโ€™aa gidduutti garaagarummaa jiru jiโ€™a itti walitti qaban jedhamti. Kunis herrega baayyee booda kan argamuudha.
Phaagumeenis waggaa afuritti al tokko 6 taati. Waggaa 600 tti (dhibba jahatti ) al tokko 7 taati jedhama. Herregni isaa gaafa herregamu waagga dhibba jahatti 7 taati haa tahuyyuu malee hanga yoonaa bara phaagumeen 7 itti taate akka hin beekne beektonni sirna lakkofsa baraa fi beektonni seenaa ni dubbatu. Akkuma lakkoofsa Faranjootaa (Awurooppaa) keessatti February 30 tahuuf carraa kan qabu, tahee kan hin beeknee fi tahuus kan hin dandeenye (possible but Never happen) jedhamee akkuma fudhatame sanatti tarii kan keenyas Phaagumeen 7 akkas tahuu dandaha.
Phaagumee guyyaa gaafa 5 (Qaammeen 5) beektotaa fi barsiisota mana amantaa ortodoksii tawaahidoo biratti Guyyaa Filatamtuu ( แ‹•แˆˆแ‰ฐ แˆแˆชแ‹ซ ) jedhamuun beekama. Dhaloota Gooftaa Keenyaa Iyyasuus Kiristoosiin eeguudhaaf beektonni ittiin herreguuf itti fayyadamaa kan turan tahuu isheetiin maqaan kun kennameeraafi. Sababuma kanaan phaagumee guyyaan 5, guyyaa kabaja dhaloota gooftaa keenyaa /Ayyaana (Qillee) Gannaa/ irra oolu phaagumeen guyyaa shanii ni murteessiti. Kana jechuunis guyyaa phaagumeen 5 irra ooletti, ayyaanni dhaloota gooftaas oola jechuudha. Fakkeenyaaf phaagumeen bara 2009 Dilbata (Sanbata Guddaa) irra oolee ture ayyaanni dhaloota gooftaa kan bara 2010 niis akkasuma dilbata irra oole. Akkasumas kan bara 2010 phaagumeen 5 Wiixata (Dafinoo) irra oola waan taheef ayyaanni dhaloota gooftaa kan bara 2011 guyyaa Wiixata (Dafinoo) irra oola. Haaluma walfakkaatuun phaagumeen 5 ka bara 2012 guyyaa kamisaa waan ooleef ayyaanni dhaloota gooftaa kan bara 2013 kamisa rra oola jechuudha. Waggaa afuritti al tokko phaagumeen 6 yammuu tahu dhaloonni gooftaa kan kabajamu gaafa guyyaa 28 taha. Kun ammoo guyyaa jahaffaan kun guyyaa dhalootaa guyyaa tokkoon waan utaalchisuuf nuti immoo gaafa 28 kabajna sababni nuti 28 kabajnuf ammoo guyyaan dhaloota gooftaa guyyaa phaagumee 5 ( แ‹•แˆˆแ‰ฐ แˆแˆชแ‹ซ ) irra oolu irraa adda tahuu waan hin dandeenyeefidha.
Ayyaanonni akka cuuphaa ammoo maaliif hin gegeedaramne yoo jedhame beektonni deebii isaan kennan akkasi โ€œdhaloonni subaahee lakkaahee kan eege guyyaa dhalachuu gooftaa ture waan taheef, ayyaanonni warri kaan ammoo sababa dhalachuu gooftaatiini waan taheefidhaโ€.
Egaan jiโ€™i dinqii xiqqoon Phaagumee (Qaammee) jedhamtu, herregaan guutamtee 5 taatee turtee, waggaa Afuritti al tokko ammoo 6, waggaa Dhibba Jahatti al tokko ammoo 7 kan taatudha. Jiโ€™oonni gurguddoon warri kaan waawu osoo hin uumin Phaagumeen garuu guyyaa kabaja dhaloota gooftaa keenyaa kan murtee
ssitu jiโ€™a nama dinqisiiftudha.
Egaan maatiiwwan Waaqayyoo uumaa fi ajajaan waggootaa fi barootaa Gooftaan Keenya Fayyisaan Keenya Iyyasuus Kiristoos bara haaraa kana akka arjummaa isaatti kan ittiin qalbii jijjiirrannee mootummaa isaa dhaaluuf kan ittiin qophoofnu nuuf gochuun fedhaa fi heeyyama isaa nuuf haa tahu. Ameen!!!
โ€œWaggicha Arjummaa Keetiin Ni Gonfitaโ€ /Faarsa. 64(65): 11 /
Kakaasee Kan Nu Jalqabsiise, Jalqabsiisees Kan Nu Xumursiise
Galanni Waaqayyoof Haa Tahu,
Haadha isaa Dubree Maariyaamiifis,
Ulfaataa Fannoo Isaatiif Kabajni
Hanga Bara Baraatti Ameen!
@ Dn. Gammadaa Nagaraa /Ilma Giyoorgiis/
@ Balbala Dhiphoo Irraa

@TrueBibleFromOrthodoxPreaching
@TrueBibleFromOrthodoxPreaching
@TrueBibleFromOrthodoxPreaching
Nageenyi waaqayyoo isiinif haa baayyatu...
Rabbuni
Sagaalee waqayyoo dhaga'ii
https://t.me/Ameennaafhaatauu

Channel keenya yeroo baayeef tajajilaa irraa fagaatee turu isaaf dhifama gafaacha......

Tajajila bifa haaraa dhaan dhiyyessuf qophii jalqabera...

Haala kanan
1โƒฃ Barnoota wangeelaa

2โƒฃ Faaruu EOTC

3โƒฃ dhimma yeroo

4โƒฃ Jechoota hayyoota
Fi k.k.f kan isiin biraan kan genyu ni ta'a.

Linki gadii xuquun maatii channel @Rabbuni ta'a.
Rabbuni
Sagaalee waqayyoo dhaga'ii
https://t.me/Ameennaafhaatauu

Yaada qabdan karaa @Amen_mahri27 nuun ga'a.
Ebbifamaa
@Ameennaafhaatauu
Olmanke
Faaruu haaraa
F/taa Dn Solomon Faxxana

Olmaa kee dubbadhe hin fixu

Faaruu haaraa audio dhaan argaachuf linkii gadi xuquun maatii channel keenya ta'a.
@Ameennaafhaatauu
@Ameennaafhaatauu

Ebbifamaa
Track 5
Unknown artist
Ergamoota keessa guddaa ulfinni kee
Qulqullu mikaa'eel jedhama maqaan kee
Rakkina na olchuuf gara koo kan dhufte
sinboo kee argite biyyi lafa ifte

Farsaa aja'ibaa
Dn Dabalii Bultum

Wal.fi yeda. Dn Mehari (ameen)

Farsa dabalataa argachuuf linkii gadi xuqa
@Ameennaafhaatauu
@Ameennaafhaatauu

Yaada qabdan karaa
@Amen_mahri27 nuun gaha.
Track 10
Unknown artist
Isxiifanoos
Na ajaa'ibsise jabinni amantii kee
Waa'ee kiristoosif dhagaan dha'amuun kee
Isxiifanoos angaafa daqonoota
Wareegama jalqabaa dhugaa baha goofta

DN mahaarii kiroos (ameen)

Faaruu haaraa Fi kan biroo yeroon argaachuf linkii gadi xuquun maatii channel keenya ta'a
Rabbuni
Sagaalee waqayyoo dhaga'ii
https://t.me/Ameennaafhaatauu
Rabbuni
Sagaalee waqayyoo dhaga'ii
https://t.me/Ameennaafhaatauu

Yaada qabdan karaa
@amen_mahri27 nuun gaha
Ebbifamaa
Baga ayyanna Waggaa qulqullu #Ergaamaa_Gabri'eel nagaan gessan.


# Ergaamaan_Gabri'eel enyuu dha?


โค๏ธ Torbaan angaafoota ergaamoota keessaa isaa tokko kan ta'ee :-
#bofoota
#gannata
#kiruubeeli irratti kan muudameedha.
M.Henook 6:7

โค๏ธ Ijjolloota sadaan abiddaa keessaa kan baase dha.

R.Dani'eel 3:26


โค๏ธ Raajichaa Dani'eelif mulaata isaa kan ihiikeef

R.Dani'eel 8:16

โค๏ธ Lubbichaa Zaakarisaatti akka yohannis dhalaatuu misiirachoo kan himee dha.

Luqaas 1:11

โค๏ธ Arrabaa Lubaa Zakkariyaasi kan cuufe.

Luqaas 1:20

โค๏ธ Fuula waqayyoo dura kan dhabbatuu dha

Luqaas 1:19


๐ŸŒน๐ŸŒน๐ŸŒน๐ŸŒน๐ŸŒน๐ŸŒน๐ŸŒน๐ŸŒน๐ŸŒน

โค๏ธ Oduu Dhalaachuu goftaa keenyaa Iyeesus Kiristoos kan misiraachoo himee

โค๏ธ Fayyinni namoota akka raawwatuuf #durbee_maariyaamitti yaa qulqulletti gammaddi jedhe sagaalee gammachuu kan nutti himee

โค๏ธ ayyannan kan guutamtee gammaddi ati dubaartoota keessa kan filataamtee dha jedhee qulqullumma fi ulfiinaa hadhaa keenyaa #durbee_maariyaamii kan nuutti himee.

Luqaas 1:26_33


โค๏ธ Maariyaamii fudhaachuf hin sodaatiin jedhe #yoseefin kan jajjabbesse .

Matewoos 1:8
.
.

.
Ameen nuunis
_kadhannaa
_ebbaa
_eegumsaa
_ kennaa isaan nuu faana haa ta'uu
Ameen


@Rabbuni
@Rabbuni


@ameennaafhaatauu
@ameennaafhaatauu

Yaada qabdan karaa
@amen_mahri27 nuun gaha

Ebbifamaa
Dn mahaarii (AMEN) Nii dhalate
<unknown>
Ni dhalatee Amaanuu'el
F/taa Dn Mahaarii kiroos (Ameen)

Kan egamaa ture farsa dhaloota haaraa

Faarsa haaraa yeroon argaachuf linkii gadii xuquun maatii ta'a
Rabbuni
Sagaalee waqayyoo dhaga'ii
https://t.me/Ameennaafhaatauu

Yaada qabdan karaa
@amen_mahri27 nuun gaha.