Aliyad Abdo Official
21.4K subscribers
197 photos
1 file
39 links
Asirraa kanneen armaan gadii argattu

☑️Walaloo
☑️ Oduuf odeeffannoo tokko tokko
☑️ Seenessa garaa garaa


Created November 16/ 2021
Nu qunnamuuf
👇👇👇👇
@Sabaa_Ifaa
Download Telegram
Wantoota an waggoota sadan darbe
dura akka bilchinatti ilaalaa ture keessaa,
Har'a akka wallaalummaatti kanin ilaalu baay'eedha.

Tarii bilchinni koo har'aas waggaa muraasa
booda, Wantan ani yaadadhee itti kolfu ta'uu danda'a. Kana irraa ka'ee yoon ilaalu,
umrii dabaluun sirriidhuma.

Yeroo itti hubannoo baay'ee dabalu qaba.
Garuu umurii dabaluun qofti mataa isaatti hubannoon inni dabalu baay'ee xiqqoodha.

Qalbeffannaa fi yaaliin hin jiran yoo ta'e,
waggaan bilchina fidee dhufu hin jiru.
Namoota gurguddoo xobbummaa
fokkistuu wajjin jiraatan baay'ee
argaan oola.
Maalan jechuu barbaade seetani

Hubannaa fi amala abbaatu fooyyessa
malee, guyyaan badaa hin fooyyessu.
"#Oromoon_horiidha"...!

Gaafa tokko Pirofeesaroota lama ta'anii waliin haasa'u ture. Piroofeesaroonni kun sabaan gargari. Inni tokko Oromoodha; inni tokko saba biraati.
Piroofeesarichi inni saba biraa sun haasawaa keessa, "Oromoon horiidha" jedhee dubbate. Achumaan Piroofesarri inni kan Oromoo sunis, "Eeyyeen Oromoon horiidha; anuu siifan mirkaneessa" jedhee dubbii namichaa jabeesseef.
"Horiirraa Aannanii fi Dhadhaa argatu. Foon irraa argatu. Gaafti Waancaa, Qeensi Finjalaa/Shiinii, Gogaan Itillee, Uffata, Teessoo, Qabattoo, Boorsaa/Korojoo ta'a. Faltiin illee qoraan ta'ee boba'a. Lafeen isaanii warshaa keessa seenee Xaa'oo ta'a. Dikeen isaanii kompoostii ta'ee midhaan gabbisa. Horiirraa kana mara argatu. Ati/Habashaan garuu harreedha; Harreen waa tokko qofaaf fayyaddi. Fe'umsaafi. Isayyuu humnaan/uleen reebanii malee, ofiin ajajamtee miti. Foon, gogaa fi qeensishee marti kan Waraabessaati" jedheenii qor-qalbii namichaa rukute.

Namoonni horii namaan jedhan silaa hiika horii beekuu?
Urjoota nidaawwatta; lakkooftee isaan fixuu garuu hindandeessu!
#Yaadannoo_seenaa.
Waggaa 571 dura.
Guyyaa akka har'aa may,29 sulxaan Muhammad al-faatih magaalaa seena qabeettii magaalaa istaanbuul/koonistaant-nooppil to'ate.

Seenaan barayyuu ni yaadata.
Jaalalli kennaa tolaa dhalli namaa garaa isaarraa waliif arjoomu ture; tola kan nama jaallatuu fi dugdas kan nama irraa hin barbaanne garuu eenyudha!?
Namni boqqolloo waaduu
Jirma golaa hin bobeessuu
Namni qoccolloo yaaduu
Dhimma tolaa hin odeessuu

Dhagaatuu gola ijaaraa
Dhimmakeef dhagaa cabsi
Nagaatuu lola caalaa!
Biyyakeef nagaa labsi


Arraba nagaa labsu nuuf kenni.
Jechoonni akka sanyiiti. Garuu lafa irratti osoo hin ta'in laphee keessatti biqilu. Kanaafuu waan facaafattu xiinxali. Waan dubbattus ilaali. Guyyaa tokko waan har'a facaafattu deebitee nyaachuu dandeessa waan ta'eef
Oromticha kiyya
Araddaa Saalaalee
Hin ofkoliin aboo
Iji hamaan si laalee

Abbaa Irra dibaa
Didiif Saaqi Saanqaa
Waaqni saa eeggatu
Sitti godhee daangaa

Ilma Taaddee Birruu
Guddisa Aagarii
Bagattiin si gahe
Etika Tafarii

Yaadniif muffiin ka'e
Sa guyyaa sin aarsu
Jaarsa araaraa ta'ee
Sireen sinaa araarsu

Jennee sin eebbisna
Falmii arraba dheeraan
har'a argattus gatii
hin nyaatin maqaa seeraa
#bor_naman_taatu_atii
~
akka feetes dubbattee
hirattus kankee bu'aa
hunda kudhaaman se'in
dirattee callee du'aa
~
harkis yookaan diriirtee
yookaan immoo naafattii
arrabni har'a sobde
bor seenaaf si gaafattii
"Teessumni dhagaarraaf duuti haadhaa takka turtee nama quuqxi" jedhani birrii qumaaraati jecha haadha ofii ajjeesuun of wallaaluurraayyi.

Namni agartan kun Haadha baatii sagal garaatti isa baattee utuu mararfattuu guddifatte "qarshii qumaaraa naaf kennuu didde" jedhee ajjeese.

As geenyeerra jechuudhaa?
Yaa rabbi obsakee…!
Shimala koo gaafa xiiqii
Harka gadheen sakaalamte
Xiqooftuu koo ilma Hundee
Warqee yartuun takaalamte

Bosonuu koo yaa bookkistu
Hin beekiin tasa raftee
Urgooftuu koo yaa Boonsitu
Mana baatee achiin haftee

Qocaan gaara hin baatu
Deemsi ishee dalga malee
Atiyyuu nan obsituum
Dirqii taanan malee

Hacee koo guyyaa, Waggaa, ji'a lakka'een si yaadadha miti yeroo hundayyuu onnee koo keessa jirta
Daa'imni Ol adeemaan kun Umrii itti duulamurra hin geenye. Waan itti tole hojjate. Umrii kanaan nama duratti ba'anii weellisuu mitii ija guutuun nama ilaaluunuu dandeettii gaafata. Mucaan guyyaa tokko "Ani Haceedha" ofiin jedhee hin beeku. Maqaa girrisni itti moggaaseen isa arrabsuu maaltu fide? Dogoggora namni biraa hojjateen mucaa hamilee hin cabsinaa. Namni miidiyaa kanarraa eenyurraayyuu hin goru akka harree ba'aa baattee deemtuu! Waan itti duultanu adda baafadhaa!
Eeyyeen. Murteen kenname sirrii miti. kana jechuun garuu gurbaatti duulamuu qaba jechuu miti.

Aniifi ati kiisii duwwaa teenyee osoo "Inyinyinyiny" jennuu gurbaan xiqqaan kun dorgomtee 300,000 luqqifte 🙈🙈
Baga Ayyaana Iid Al Adahaa bara 1445 geessan obboloonni koo adduunyaa guutuu isin gabroottan Allaah biliyoonni lamaa ol.

#Eidmubarak
1452 guyyaa dukkanaa simalee. Biyyi du'a kee booda dhiiga kee dhugde, warri haqa kee awwaale, guyyaa nagaa fi boqonnaa argattee hin beektu. Warri du'a siif hawwe guyyaa guyyaan reeffa lakkaa'amee hin dhumne awwaalaa oolu. Warri du'a kee kolfan dabareedhaan, guyyaa guyyaan dhiiga boo'aa jiru. Yoomiyyuu onnee keenya keessa ni moota. Yoomuu si yaadanna. Goota koo!
Ana qofadha kan hanga ammaatti du’uu kee amanuu hin dandeenye? Mootii koo Hacee koo yeroo hundaa sin yaada 😭😭
#Jireenyi si barsiisa. Barnoota mana barumsaa irraa hinarganne jireenya keessaa argatta. Barumsa idilee barattee qoramta. Garuu jireenya qoramtee baratta. Mana barnootaaf qarshii kee kaffaltee baratta. Jireenyi garuu gaafa qarshii dhabdu si barsiisa. Daree seentee kan barattu yoo ciree kee nyaatteedha. Jireenyi immoo kan si barsiisu yemmuu ciree nyaattu dhabduudha. Si barsiisee digirii siif kennuu baatus jireenyi barnoota dhugaa siif kenna!

Yeroo gaarii qabaadhaa❤️
Du'a kee hin dhaga'u
Kabajamoo maatii koo! Waxabajjii 22 guyyaa itti hacee keessa dhabne sababeeffachuudhaan waggaa 4ffaa isaa yaadannoodhaaf jecha sagaleedhaan walaloo qabadhee dhiyaadheen jira.
Turtii gaarii! Galatoomaa!
Justice For Haacaaluu!)
Akka sabatti guyyaa kaleessaa Yaadaannoo waggaa 4ffaa fi Award haacaaluu marsaa 3ffaa kan wal ga’ame sana hunda keessaa tokkicha dhugaa hacee kan gaafate! #Etika_ Teferi mataa dhiraa!🦁 waa malee miti kan jaalatamtu ati;👏
Daandii dheeraa deemtanii
Injifattanii dadhabbii
Eebbifamtoonni baranaa
Baga isin gammachiise Rabbi!
#Yeroo_Tokko_Tokko!

Tokko tokko si dhukkuba garuu fayyaa fakkaatta! Namoota hedduu keessa jirta garuu kophummaan sitti dhagahama. Namoota ofiikee jaalattu hedduu qabda, namoota si jaalatan immoo bicuu ishee dhabda. Garaakee guutuu waay'ee namoota hedduuf rakkatta, haa tahu malee atimmoo rakkina kee keessatti warra quba sitti qabaniifi warra mataa sitti raasan malee hin argitu.

Hirriba sobaa rafta, abjuu sobaa abjootta! Waariiwwan rakkisoo hedduu kophaakee gangalachaa dabarsita; ganama garuu warruma rafaa bule waliin manaa baata. "Akkam bultanii?" Yeroo isaan siin jedhanis, akka mootummoota Afrikaatti nagaa sobaa labsita.

Al Tokko tokkommoo ni beelofta waan nyaattu wallaalta; ni dheebottas, haa tahu malee coccophni tuullu Hermoon irraa cophu iyyuu laagaa kee hin jiisu. Sobdee kolfita, sobdee siiqsita; keessikee garuu akka magaalota Jaappaan lamaan Heeroshimaafi Nagaasaakii gubataadha.

Al Tokko tokkos yaadnikee akka laga Galiilaa isa qilleensaan oliif gadi darbatamuu taha. Yaannikee kun waggaa kudhan fuulduratti, waggaa digdama immoo duubatti si deebisee siin taphata. Tokko tokko immoo yeroo manni cidhaas manni hidhaas tokko sitti tahu, yeroo manni gaddaas lafti gabaas siif garaagarummaa dhabantu jira.

Yeroo akkas taatu, jabeessii Gooftaatti maxxani!
Turtii gaarii!!
Baga Bara Haaraa Hijraa Nagaan Geessan!!!
Happy new year
Barri itti aanu kan milkii kan jaalalaa nuuf haa ta'u!
#Lij_Iyyaasuu

Hanga xumuraatti obsaan dubbisaa isin fayyaadaati

Oromoo Walloo gaafan yaadu Lij Iyyaasuutu na dura dhufa. laal! Walloon goota akkasii fa'a biqilchite. Seenaatu jallate; seenaatu hatame malee Oromoon duruu biyya bulchuu itti beeka. akkuma beekamu Oromoo Walloo kan ta'e, Raas Mohammad Aliin(Nigus Mikaa'el) A.L.H tti bara 1888 ture Dassee, Wallootti Lij Iyyaasuu, Aadde Shawaraggad irraa kan argatan. isinitti hin dheeressu, har'a haareffamoota Lij Iyyaasuun bara bulchiinsa isaa keessa fide muraasa hamman qo'adheefi qoradherraa isiniif himuufan as ba'e. hoggansi Lij Iyyaasuu kan ajab nama jechisiisu ture. seenaa nama jabaa kanaa lafarraa balleessuuf yaalii baay'een godhameera. Barnoota seenaa kan Itoophiyaa irrattis Seenaan Lij Iyyaasuu gabaabbatee fi jallatee barsiifama.


Haareffamoota Lij Iyyaasuun fide muraasni gabaabinaan kan armaan gadiiti:

1⃣Sirna #Leeba_Shaayii balleesse. mootonni isa duraa hattuu saaxiluuf sirna #Leeba_Shaayii jedhamu kanatti dantaa bahu ture. akka sirna kanaatti dargaggeessi jabaan tokko ni filama. wanti tokko gaafa nama jalaa badu ykn hatamu dargaggeessicha dhugaatii cimaa nama macheessu kan Leeba-Shaayii jedhamu obaasanii ija isaa hidhanii gadi dhiisu. dargaggeessichis osuma deemuu iddoo wayiitti ni kufa. lafa eenyuu irratti akka kufe ilaalu. baqqaa amma hattichi qabameeragaa! abbaa laficha isa dargaggeessichi irratti kufetu hattuudha.

egaa Lij Iyyaasuun murtoo bifa akkasiitiin namarratti kennamu sana balleessee mala firdii qajeelaan ittiin kennamu labse.

2⃣Sirna #Quraanyaa balleesse.
akka sirna Quraanyaatti namoonni yemmuu wal dhabanii fuula abbaa murtii duratti dhiyaatan hamma firdiin kennamuufitti dugdi isaanii walitti gara galfameetu walitti hidhamanii turu. harka namicha isa kanaatitu kan namicha kaanitiin walitti hidhama. firdiin erga kennameefii booda addaan hiikamu ture.
Lij Iyyaasuun sirna akkasii sanas balleessee mala ammayyaawaa bakka buuse.

3⃣Sirna #Asiraat_Safaarii ni balleesse.
sirni Asiraat_Safaarii mala ittiin midhaan yemmuu sassaabamu mootummaadhaaf gibirri walitti qabamu ture. Akka sirnichaatti warri maasii qonnaan bulaa irra deemanii midhaan shallagan ni filamu. midhaan hin haamamin lafarratti shallagu ture. akka kanattis hamma isaan lafa qonnaan bulaa baldhaa waliin gahanitti wayitiin tokko darbee wayitiin roobaa dhufee midhaan baay'eetu maasii irratti bada ture.
Lij Iyyaasuun sirna galii mootummaaf malee faayidaa qonnaan bulaaf dantaa hin qabne sana ni balleesse.qooda sanaa sirna sassaabbii gibiraa ammayyaawaa ta'e hundeesse.

4⃣Abbootii taayitaa duraanii warra bara mootummaa Minilik biyya saamaa turan isa nyaatan tufsiise, qabeenya saamanii turan deebisiise, kaan isaaniis aangoo irraa buqqise. keessumaa jara kanagaa kan Lij iyyaasuu irratti uummata kakaasee kufaatii goota kanaa ariifachiise.

5⃣Lij Iyyaasuun biyyoota Awurooppaa baay'ee isaanii waliin michuu ture. yerichi ammoo yeroo biyyoonni Awurooppaa waraana Addunyaa kaasuuf qophiirra turan waan ta'eef biyya Awuurooppaa tokkoo waliin firoomuu jechuun masaanuu biyya sanaa waliin diina ta'uudha. kanaafigaa booda warri adiin kaan sababii Lij Iyaasuun masaanuu isaanii waliin michuu ta'eef Lij Iyyaasuu kan jibbaniif. boodas mormitoota Lij Iyyaasuu warra keessaa kanneen akka garee #Mahaal_Safaarii jedhaman waliin ta'uun kufaatii isaa ariifachiisan. fakkii Footooshooppii kan yemmuu Lij Iyyaasuun dubartootaa waliin ejjuu fi gocha ulfina mootummaa isaa salphisu raawwatu mul'isu kaasaniifaa saba miskiina kana goyyoomsaa turan. sabichis dhugaa se'ee Lij Iyyaasuu jibbaa dhufe.

6⃣Lij Iyyaasuun biyyoonni Afrikaa tokko tokko hacuuccaa fi bittaa sirna Kolonii jalaa akka ba'aniif gargaarsa gochaafii tureerea. kanaafis fakkeenya gaarii kan ta'u gargaarsa inni Mootummaa Somaaliyaatiif taasiseedha.

7⃣Lij Iyyaasuun Wal-qixxummaa amantiitti ni amana ture. keessumaa Mootota isa dura turan keessaa mootichi #Axee_Yohaannis sababiidhuma amantaa isaanitiif Musliimota Walloo baay'ee dararaa ture. kaan rashanee kaanis gara Sudaanii fi kibba biyyattiitti baqachiise.