๐Ÿฆ โ’ถโ€Œโ€Œ๐—ฏ๐—ฑ๐˜‚๐—น๐—ฎ๐˜‡๐—ถ๐˜‡ Fesal๐Ÿฅ€
21K subscribers
111 photos
5 videos
2 files
62 links
๐Ÿ˜‡NAMNI AKKA OF EEGGATTUUF SI GORSU INNI NAMA SI JAALATU!โค๏ธIf You believe it,you can achieve it.๐Ÿ’ชNamni waan danda'uun nama gargaaru doqna hin jedhamu.
Download Telegram
Jireenya keessatti namoonni gammadoon ; Namoota kennan malee kan fudhatan miti...!

@Abdulaziz_FeesalOfficial
Click to Join_Us ๐Ÿ‘†๐Ÿป
Caaltee Argachuu Kan Qabdu Hiriyoota Kee Osoo Hin taane Eenyummaa keedha.

@Abdulaziz_FeesalOfficial
Click to Join_Us ๐Ÿ‘†๐Ÿป
Namni irra Deddeebi'ee Waan Hin Qabne Laakka'aa Oolu Waan Qabu Dagata.


@Abdulaziz_FeesalOfficial
Click to Join_Us ๐Ÿ‘†๐Ÿป
Karoora Kee Osoo Hin Taane
Galma kee Namootatti Mul'dhis๐Ÿ˜Ž

@Abdulaziz_FeesalOfficial
Click to Join_Us ๐Ÿ‘†๐Ÿป
Hordooftoota amantaa Muslimaa hundaaf, baga ayyaana Iida Alfixriin  nagayaan geessan. Iida  gammachuu fi kan milkii nuuf haa ta'u.warra warra baranaa kan bara hedduu Rabbiin Nu haa taasisu.

@Abdulaziz_FeesalOfficial
Click to Join_Us ๐Ÿ‘†๐Ÿป
Barnoonni furtuu milkaaโ€™inaa mitiโ—

Barnoonni furtuu milkaaโ€™ina akka taโ€™e yaada nutti himu Kanaan dura liqimsineerra. Maatii fi hawaasni keenya yaada kana jabeessaniiru, garuu milkaaโ€™ina dhugaa yoo barbaanne ilaalcha kana jijjiiru qabna.
Barnoonni Furtuu milkaaโ€™inaa miti
Dalga ana hin hubatinโ•Barnootatti Nan amana.Gabaabsee buโ€™aa barnootaa isiiniif nan ibsa.Haa taโ€™u malee, utuu barnoonni furtuu milkaaโ€™inaa taโ€™ee, silaa namni digirii sadaffaa (Ph.D) qabu hundi maallaqaan of-dandaโ€™ee gammachuun jiraata ture. Dandeetti sammuu guddaa qabaatte garuu kennaa keen hojjechuu shaakaluu yoo baatte, tarii hiyyeessa taata. Nama barate taatee garuu dandeettii kee gabbifachuudhaa yoo baatte, miidhamuuf, dhiphachuuf, akkasumas dadhabuuf saaxilamta; Wiixata ganama ganama hojii deemuu jibbita.Namoonni faayinaansiidhaan digirii qaban fedha isaanii isa buโ€™uuraa illee guuttachuu Kan hin dandeenye hedduun jiru.
NAMOONNI MAALLAQA HIN QABNE AKKA ITTI DOOLAROTA MILIYOONAN LAKKAA'AMAN ITTI ARGATTU YEROO SI GORSAN SI HIN GADDISIISANII? ๐Ÿ˜ญ
โŒBarumsi, ofii isaatii, homaafuu wabii hin taโ€™u; Furtuun milkaaโ€™inaa kennaa keeti.
Kennaan ati irra teesse jirtu baโ€™aa hammamii akka taโ€™e hin hubattu. Cimaa waan taateef duwwaa addunyaan Kun iddoodhaa siif hin sochooftu. Yeroo ati kennaa keen hojjechuu shaakaltu garuu, addunyaan Kun iddoo siif kennuu duwwaa utuu hin taane, sanaaf gatii siif kaffala. Namni kamiiyyuu si dabalatee kennaa isaa beekee yoo gabbifate buโ€™aa taโ€™a.
Dargaggoo sadarkaa lammaffaa yookiis koollejjii/Yuunivarsiitii baratu Kan hojii karoorfachaa jirtu yoo taate, wanta namoonni dureessa si taasisa jedhanii sitti himan hin hojjetin. Isa hojjechuuf dhalatte hojjedhu, sababni isaa maallaqa Kan argattu achiiti. Addunyaa hammamuu yoo guddatte homaa miti, kennaa kee yommuu bartuufi mulโ€™iftu iddoon isa keessa siif jiraata.

๐Ÿ™Waan dubbiftaniif galatooma!

Yoo isitti tole namoota jaalattaniif Share taasisaa! Dhaloota Qaroomsuun itti fufa!...

@Abdulaziz_FeesalOfficial
Abdii hin kutatiin

Haamileekee cimsitee
Yoo jette nan dandahaa
Borumtaa injifattee
Sumatuu nama ta'a
Egereenkoo ifaadha
Jettee qabaannaan abdii
Dhugaadha ni milkoofta
Baduuf yoom fuute qabdii

Har'akeen of tilmaamtee
Abdiikeen muratiini
Xiiqiidhaan of jabeessi
Abdiikeen kutatiini.

@Abdulaziz_FeesalOfficial
Har'a kanke ilaaltee maaliif mataa cabda
Booriinkee guddaadha maaliif abdii dhabda
Waanti dachee kanaa hundi isaayyuu in darba
Kanaaf maaliif immoo muddamuun si sarba
Hin dhiphatiin haadhoo har'ikee boor miti
Mudannoonke har'aa hundiyyuu in darbiti
Kanaaf har'a ilaaltee abdii kanke hin kutiin
Yaadaan sammuu kankes takkaallee hin dhiphisiin
@Abdulaziz_FeesalOfficial
Hubadhu

Daa'imummaan yeroo itti lafa qotani; dargaggummaan yeroo itti facaasani; jaarsummaan yeroo itti nyaatani!"

  โƒ Yeroodhaan ka'i!
  โƒ Yeroodhaan ba'i!
  โƒ Yeroodhaan gali!

"Osoo taa'uudhaan beekumsi argamee beekaan addunyaa kanaa dhagaa ture!"
  โƒ Itti dadhabi!
  โƒ Dubbisi!
  โƒ Barreessi!
  โƒ Hojjedhu!
  โƒ Jajjabaadhu!
  โƒ Milkaa'inaaf gatii baasi!
  โƒ Ittuma jabaadhu!
  โƒ Fiigi!

"Taa'anii buqqee jedhamuu irra fiiganii bubbee jedhamuu wayya!

โœˆ๏ธtelegram๐Ÿ‘‡
โœ…๏ธ
@Abdulaziz_FeesalOfficial
Join ๐Ÿ‘†
Namoonni biroon waan fedhan siin jechuu dandaโ€™u, garuu akka jedhan si gochuu hin dandaโ€™an. Akka jedhe si gochuu kan dandaโ€™u namni tokko jira. Innis mataa keeti. Yoo feete ofirraa haftee namoota biroof eebba taโ€™uu dandeessa. Yoo hin barbaadne immoo ofii kee iyyuu dadhabdee gargaarsa namoota biro eeggachuu dandeessa. Jireenyi kee harkuma kee jira. Jireenya keetti bifa gaarii godhi.

โœˆ๏ธtelegram๐Ÿ‘‡
โœ…๏ธ
@Abdulaziz_FeesalOfficial
Join ๐Ÿ‘†
Jireenya keessatti gaafa ol baatu hiriyoonni kee eenyu akka taate si baru. Akkasuma gaafa gad buutu immoo hiriyyoonni kee eenyu akka ta'an barta.
โ™ป๏ธHojii kee irratti cimtee yoo hojjatte qarshii guddaa waan argattuuf, hoteela guddaa deemtee bashaananuu dandeessa. Hojii caalaa of irratti yoo cimtee hojjatte garuu hoteela guddaa sana bituu dandeessa๐Ÿ‘Œ.
Milkaa'ina kee irratti gufuun guddaan addunyaa siin ala jiru osoo hin taane, addunyaa keessa kee jiruudha. Sodaan, shakkiinii fi tasgabbii dhabuun kee diina dhugaa injifachuu ati qabduudha. Maddi cimina keetii Keessa Keeti! ๐Ÿฅฐ

Milkaa'inni irra deddeebi'anii yaaluu
fi Abdii muruu dhiisuu irraan dhufti
Saffisa addunyaan tuni ittiin jijijjiiramaa jirtu yoo xiinxallee ilaalle hirriiba dhiifnee boqonnaa tokko malee halkaniif guyyaa oliif gadi fiignee hojjachuu akka qabnutu natti mul'ata!
''Nuti nama hundaa caalaa ofii keenya osoo jaallannuu,yaada ofii keenyaa caalaa garuu kan namootaaf bakka laachuun keenya na ajaa'ibuu hin dhiisu''
#Marcus_Aurelius
Yeroo hundumaa naannoo jireenyaaf siif miijatu osoo hin taane, naannoo milkaa'inaaf siif miijatu jiraadhu!

โœˆ๏ธtelegram๐Ÿ‘‡
โœ…๏ธ
@Abdulaziz_FeesalOfficial
Join ๐Ÿ‘†
๐—ฆ๐—”๐— ๐— ๐—จ๐—จ๐—ก ๐—–๐—œ๐— ๐—”๐—” ๐—ง๐—”'๐—จ๐—™
โ˜›Yeroo kophaa kee jirtu hin sodaatin.
โ˜›Waan darbe irratti hin xiyyeeffatin.
โ˜›Addunyaan liqii sitti hin dhaga'amin.
โ˜›Bu'aa hatattamaa hin eegin.
โ˜›Balaa shallagame fudhachuu hin sodaatin.
โ˜›Kufaatii jalqabaa booda abdii hin kutatin.
โ˜›Itti gaafatamummaa irraattii hin qaanfatiin.
โ˜›Nama hunda gammachiisuuf hin yaadda'in.
โ˜›Milkaa'ina namoota birootti hin aarin.
โ˜›Namoonni kaan miira kee irratti dhiibbaa akka geessisan hin godhin
โ˜›Yeroo kee ofitti gaddun hin gubin.
โ˜›Wantoota to'achuu hin dandeenye irratti humna kee hin qisaasessin.

โœˆ๏ธtelegram๐Ÿ‘‡
โœ…๏ธ
@Abdulaziz_FeesalOfficial
Join ๐Ÿ‘†