Wal dhabdee amantoollii fakkeessu
Nagaan isiinif haa bayyaatu. Jidduu kanaa sababa amantaan wal qabsisuun namoota midhaan irraan gahe ilaalchisee yaddaa mata koo karaa Youtube keneen ture. Isuuman walqabtee kanaa ilee akka dubsitaan isiin hafeera. Video Sanaa ammo osoo hangaa dhummaa hin dhageefatiin adaaraa keessan arrabsoof hin figiinaa.
Warri wanta nagaa nama gorsan garuu ni gammadu (Fakkeenya 12-20). Nuyii kistaanoonni yeroo hundaa nagaa busuu qofa irratti hojaachu malee nageenya boreessu irratti hojaachuun gonkummaa nuraa hin eegamu. Sababni kanaa jedheef ammo tibbaana kanaa namoonni bayyeen akka amantooliin walitti bu’anii fakkeessun yeroo wal nuu lolchisuuf ka’an argaa jira. Jechoonnii jedhaamaniis muslimoonnii Ortodoksii lafaa irraa balleessuf nuu ajjeessa jiru, mana amantaa gubbaa jiru kan jedhuudha. Aniis gochii kun soba yookkan dhugaadha jechuun koo dura mee yaddaa gababa kanaa haa dubisnuu.
Amantaan Ortodoksii fi amantaan muslimaa biyyaa keenya keessa erga waliin jiraachuu eeggale bubulee jira. Waggoota dheeraf waliin jiraane jira. Yeroo waliin jiraanutii ammo jallaala fi nageenya busaa akka ta’ee ni beekna. Kanaa qofaa osoo hin tanee bakka kiristaanooni mana sagada hin qabnetii muslimoonni yeroo mana sagada kiristanootaf hojaatan, bakka masqiidnii hin jirettii kiristanoonii yeroo musliimootaf masqidaa hojaatan argaa ture. Dabalata ammo biyyaa tokko waliin jiraacha, jireenya hawwasuuuma keessatii gahe guddaan waliin taphata turamee jira. Ayyanoota amantoolii lacheenuu kabajataan keessattii yeroo waliin kabaja turan ilee arginee jira.
Waggoota murasaa asiitii garuu waliin jiraachuu nagaan ture kana namoonii garee murasaa ta’an gamaa lacheenuu nageenya ture borreessu barbaadanii. Gareen namoota kanaa ammo ortodoksii fakkaachuun, muslimoota fakkachuun kan isaan waliitti nuu busaanii. Gubbaa irraa ta’anii waa xiqoo dubaatuu Sanaa boddee nutii gafii maaliif ta’ee jechuu waan hin beekneef dubii jarii sun dubataaniin hoy hoy jechuun wal ajjeessa, mana walitti gubaa jira. Gareen namoota muraasa kun garuu ta’anii nutii kolfuu. Biyyii keenya yeroo hundaa nageenya akka hin argaaneef gafaa barbaadan ajaandaa saba fi saba akka wal lolee fakkeessun wal nuu nyaachisu. Gafaa barbaddan ammo amantooliin akka walitti bu’anii fakkeessuun wal nuu nyaachisuu. Yeroo yerootii biyyaa keenyaf hojii mana umaa jiratu.
Dhugumaa amantooliin kun garuu nageenya biyyaa borreesuu ni barbaadduu jennee osoo ilaalee gamaa lacheenuu hin fedhaan. Kanaa jechuun amantooliin walitti bu’un nu hin jechisisuu jechudha. Garuu garee muslimoota keessa muraasnii isaanii jibaa kiristanootaf qabaniin kan ka’ee, akkaasuma ilee garee kiristanoota keessa muraasni isaanii jibbaa muslimootaf qabaniin kan ka’ee yeroo yerootii dhukkubii akkaana argiinaa. Nama ta’un keenya mee tokko nuu tasisaa hangaa biyyaa lafaa irraa jiraanuu kanaatii. Dabalata ammo biyyaa tokko keessa waliin jiraacha akkamiin amantoolii walitti busna? Maaf namoota walitti nuu busnaa? kan gamaa lacheenuu walitti nu busaan of keessa basuu maaf dadhabnee? Sababni isaa hunduu saban walqodduun waan hojaatuuf akka ta’e ifa dha. Maqaa amantaan siyyaasa isaanii nuratii taphatuu nutii garuu harkaa rukkunaaf. Halkanii guyyaa wayyeen nageenya biyyaa keenya na dhiphisaa jira. Anna qofa osoo hin tanee isiniin ilee akka dhiphisaa jiru abdiin qaba. Kanaaf nageenya busuuf haa hojanuu.
Waa hundumaaf walitti bu’insii kun gonkummaa nuu hin fayyaadu. Biyyii keenya mee bayyiinnii amantaan muslimoota fi kiristaanoota walitti dhiyyaata jechuun ni danda’ama. Kanaa jechuun ammo adeemsa amma demnuu Kanaan ummaata miliyoona hedduutii lakkaawaaman kana gamaa lacheenuu walitti busnee wal fixxuu tattii jechuudha dubiin. Kanaaf nagaa haa busnuu.
Yaa obollota koo muslimoota isaa dhufee ka’ii mana amantaa gubna siin jedhuu hin ta’u jedhiinii. Sababni isaa amantaa ketiif jedhee miti kan akkas siin jedhuu nageenya biyyaa borreessuf jedhee malee. Ka’ii nageenya busnaa yoo siin jedhee garuu ka’ii waliin hiririi. Kiristanoota ajjeessun kee bu’a tokko ilee siif hin kennu. Lubbuuf keef jettee amantaa kan hordoftuu waan ta’ef ha

nguuma nageenya balleessituu lubbuun kee ammo gubaachuf akka of qopheessa jirtuu barii.
Yaa obollotaa koo kistaana kiristoos irraa wan baranee haa yadaanuu. Yeroo dhufaanii muslimoonii dinaa ketii siin jedhaan lakii jedhiinii. Dinaa koo osoo hin tanee biyyaa tokko keessa kan waliin jiraanuu nutii nama jedhiin. Gafaa sana garee jarreen walitii nuu busaa jiraanii Sanaa balleessun nageenya biyyaa keenyaf kan busuu dandeenyu. Waa hundaa mee tasgaboofne haa ilaaluu. Maltuu nuratii rawwatama jira haa jennu. Jalalaa busuuf, nageenya busuuf, waligaltee busuuf waliin haa hojaanu. Amantaan lubbuuf waan ta’ef kan itti gafatamuu lubbuu koo yookaan kee qofa dha. Yoo waligalan walitii kanee garuu nageenya biyyaa keenyaf sirri hin ta’u.
Xumuraa irrattii obollotaa jidduu Kanaan midhaan isaan irraan gahe hundaa waliin ta’un gargaruu danda’uu qabna. Kirstanootas ta’e muslimoota eenyuu irraa midhaan gahu hin qabu. Akka biyyaatii haa yadnuu. Kanaafuu gargarsa namoota buqaa’aniifi namoota midhaan isaan irraan gaheef godhaamuu jiruu kammiiyyuu hangaa humna keessan gargaraa. Waan dubistaaniif guddaan isiin galateefadha.
HaileGabriel

VOA irrattii sagantaan darbee bayyee natii tole.
Namoonii tokko tokko Akka waan amantooliin walitti bu'anii tasisaanii odeessun walitti nuu busuu irraa waltajii marii akkaanaa qopheessanii namoota walitti fiduuf halkaanii guyyaa osoo hojaatanii bayyee garii ture. Isiin warri Muslimoota ka'aa kiristaanii isiin balleessuuf jira, isiin warri kiristaanota ka'a Muslimoonii isiin balleessuf jiru jettaanii ajjaanda haraa fiddaanii nageenya biyyaa keenya borreessuu irraa akka kanaatii waliin ta'un mariyaachu, hordoftoota ofii barsisuun hundaa ol fudhaatama kan qabuudha.
Biyyaa keenya keessa yoo xiqaatee hordoftoota amantaa Muslimoota miliyoona 35 ol akkasumaas kiristaanotni miliyoona 35 oltuu jiru. Namoota hangaa kanaa walitti busnee nageenya biyyaa keenyaf ni fidnaa jechuun soba. Kanaafuu yeroo kanaatii hundii waliin dhabachuun isaa amantaan walitti nuu busuu kanaa dhabaadhuu jechuun dirqama.
Baruumsi amantoolii kanaa lacheenuu gargaar haa ta'u malee biyyaa tokko keessa waliin jiraachun isaanii akkaa fooniin yoo ilaaluu walqixaa. Lubbuu isaaniif garuu kan isaan gafaatuu Waaqayyo umaa keenya qofa.
Wantoonii tokko nuu tasisaan
- Biyyaa tokko waliin jiraachuu keenya
- nama ta'u keenya
Garagarumaan keenya garuu baruumsa amantaa keenya ishee lubbuu qofa irrattii. Kanaaf hangaa fooniin waliin jiraanutii walitii duluu dhisnee waliin biyyaa keenyaf osoo dhabanee garii dha.

“Ani Sii Wajjin Waanan Jiruuf hin Sodaatin!”
“Egaa ani sii wajjin waanan jiruuf hin sodaatin! Ani Waaqayyo kee ti hin na’in! Ani sin jabeessa, ani sin gargaaras; irree qajeelummaa koo isa mirgaatiin ol sin qaba.”—Isaayaas 41:10.
Kanaa jechuun Waaqayyon tajaajiltoonni isaa amanamoon rakkinni akkamii iyyuu kan isaan mudatu taʼu illee, akka isaan deggeru isaaniif mirkaneesseera.
“Ani sii wajjin waanan jiruuf.” Waaqayyon tajaajiltoota isaatti sababii itti sodaachuu hin qabne yommuu isaanitti himu kophaa isaanii akka hin taane isaaniif ibseera. Rakkina isaan keessa jiran waan arguu fi kadhannaa isaanii waan dhagaʼuuf, akkuma waan isaanii wajjin turetti ilaalama.—Faarfannaa 34:15; 1 Pheexiros 3:12.
“Ani Waaqayyo kee ti.”
Waaqayyon tajaajiltoonni isaa haala akkamii keessa iyyuu kan jiran yoo taʼe, inni amma iyyuu Waaqa isaanii akka taʼee fi akkuma tajaajiltoota isaatti akka isaan ilaalu isaan yaadachiisuudhaan isaan tasgabbeesseera. Isaanis haalli akkamii iyyuu Waaqayyo isaaniif jedhee tarkaanfii akka hin fudhanne isa dhorkuu akka hin dandeenye mirkanaaʼoo taʼuu dandaʼu.—Faarfannaa 118:6; Roomaa 8:32; Ibroota 13:6.
“Ani sin jabeessa, ani sin gargaaras; irree qajeelummaa koo isa mirgaatiin ol sin qaba.” Waaqayyon dhugumaan akka isaan gargaaru muldhisuuf gaaleewwan sadiitti fayyadamee yaada tokko dabarseera. Sabni isaa yommuu gargaarsi isaan barbaachisutti akkamitti akka isaan gargaaru ibsuuf ibsa gaariitti fayyadameera. Namni tokko yoo kufe, Waaqayyo nama sana kaasuuf harka isaa mirgaa isatti hiixata. Isaayaas 41:13.
Karaa guddaan Waaqayyo tajaajiltoota isaa jabeessuu fi gargaaruuf itti fayyadamu, Kitaaba Qulqulluu isa Dubbii isaa taʼe dha. (Iyaasuu 1:8; Ibroota 4:12) Fakkeenyaaf, Dubbiin Waaqayyo namoota rakkinni akka hiyyummaa, dhukkuba ykn nama jaallatan duʼaan dhabuu, rakkoon isaan irraan gahuu jiran isaan mudataniif gorsa gaarii kenna. (Fakkeenya 2:6, 7) Waaqayyo tajaajiltoota isaatiif karaa miiraa fi sammuu jabina rakkina dandamachuuf isaan barbaachisu isaaniif kennuuf, hafuura isaa isa qulqulluu ykn humna isaa isa hojii irra jiruttis ni fayyadama.—Isaayaas 40:29; Luqaas 11:13.
Yaada Isaayaas 41:10tti argamu irrattii
Jechoonni kun Yihudoota amanamoo yeroo booda boojuudhaan gara Baabilon geeffaman jajjabeessaniiru. Waaqayyon gara dhuma boojuu Yihudootaatti diinni Baabilonii fi saboota naannoo ishii jiran injifatu tokko dhufaa jiraachuu isaa oduun ibsu akka dhagaʼamu raajii dubbatee ture. (Isaayaas 41:2-4; 44:1-4) Baabilonii fi saboonni naannoo ishii jiran yommuu oduu kanaan sodaatanii jeeqamanitti Yihudoonni garuu Waaqayyon waan isaan eeguuf yaaddaʼuun isaan hin barbaachisu. Siʼa sadii “hin sodaatin!” jedhee isaaniif mirkaneesseera.—Isaayaas 41:5, 6, 10, 13, 14.
Yaanni kun jalqaba Yihudoota amanamoo boojuu Baabilon jala turaniif kan barreeffame taʼus, Waaqayyon tajaajiltoota isaa hunda jajjabeessuuf yaanni Isaayaas 41:10 irra jiru eegamee akka turu godheera. (Isaayaas 40:8; Roomaa 15:4) Akkuma tajaajiltoota isaa bara duriitti turan gargaare, warra yeroo harʼaa jiranis ni gargaara. Kanaafuu dhuguuman amantaa yoo qabanee, inii nuu waliin jiraachuu baru qabna. Amantaa gaha hin qabnu tanaan garuu nuu waliin hin jiratuu.

Wareegamummaan maali?
Wareegamaa jechuun amantaa qajeeltuuf kan dhugaa bahe, wabii dhugaa, amantaa dhugaaf jedhee kan gidiraa fi qabsuurota garaa garaa keessa of dabarseedha. Qabsuurri immoo waa’ee amantaa qajeeltuuf yemmuu dhugaa bahan mootota hin amanneenii fi sobdootaan gadadoo arguu akkasumas gantoota harkatti du’uudha. Lubbuu keenya waliin kan qabsaa’an jinnii of irraa ittisuunis qabsuradha. Amantaa isaaniif jecha kan billaan muraman, kan albeen qalaman, kan bineensotaaf kennaman, kan abiddan gubamanii fi kan jiraa awwalaman hundi qabsuura. Qabsuurri karaa hedduun raawwata.
1ffaa kadhannaa, sooma, sagada, kennaa fi kkf isaan akkanaa kuni fedha ofiin kan raawatudha.
2ffaa immoo amantaa keessan ganaa, Waaqa ganaati waaqharkeef sagadaa, addunyaaf bitamaa fi kkf kan jedhu mootiin Waaqayyo hin beekne yemmu dhufu waaaq-harkeef hin sagadnu jedhanii osoo hin sodaatiin waltajjii irra dhaabatanii dhugaa bahuun gadadoo hedduu keessa darbuun raawwatama Keessumattuu qulqullootni duuka bu’ootni hundumti isaanii hojii wareegamummaa dabarsaniiru. Wareegamtootaaf qajeeltoo kan ta’e, “Foon keessan ajjeesuu kan danda’an lubbuu keessan garuu ajjeesuu kan hin dandeenye hin sodaatinaa! Keessattuu lubbuu fi foon abidda keessatti balleessuu kan danda'u isaan sodaadhaa,” kan jedhudha.(Mat 10:8). Akka danda'anis kan godhu immoo Afuura Qulqulluu fi abdii jabduu dhufuuf jirtu hawwuu sanadha. Akkuma qulqulluun Phawuloos, “Kabaja nuuf ifuuf jedhu waliin gadadoo keenya ammaa kana yoo madaalle homaa akka hin taanen yaada,” (Rom 8:10) jedhu. Akka baruumsa mana kirirstaanaa keenyatti wareegamummaa gosa saditti adda qoodnee ilaaluu dandeenya
1. Wareegamummaa Magariisa/Green martyrdom: kuni fedhii hamaa keessa keenya jiru waliin qabsoo taasifamuudha. Kunis, wanta badaa dhabamsiisuuf kadhannaa, sagadaa fi kennaawwan garaa garaatiin kan qabsuurofnudha. Dhagna keenya eeguudhaan, “Akkuma harki yookiin iji kee yoo si dogongorsiifte murii/baasii gati,” jedhu(Mat 18:8). Keessumattuu qulqulloota akkasiitiin wareegamtoota kopheessotaa/gadamawuyaan jennaan.
2. Wareegamummaa Adii/White Martyrdom: kuni immoo qabeenya irraa of qusachuudha. Qoruumsa alaa qabeenyaa fi sooromummaan walqabatee dhufu baqachuu jechuudha. Addunyaa kana irratti qabeenya qabnu hunda tuffannee dhiisuu jechuudha. Akkuma gooftaan keenya, “homtuu kan waan qabu dhiisee na duuka bu’uu hin dandeenye barataa koo ta’uu hin dandahu jedhe”( Luq 14:3). Gooftaan keenya Iyyasuus Kiristoosiis sooressa tokkoon, “Waan qabdu hunda dhiisiiti na duukaa bu'i,” jedheen.(Mat 19:16)
3. Wareegamummaa Diimaa/Red Martyrdom: kuni hiikkaa biraatiin cuuphaa dhiigaa jedhama. Amantaa dhugaaf, mana kiristaanaa fi Kiristoosiif jecha gadadoo dhagna keenyarra gahuu fi xiinsammuu keenyarra gahu amannee fudhachuu jechuudha. Wareegamummaan kuni sadarkaa wareegamummaa isa dhumaati. Wangeelli, “Biyyi lafaa yoo sin jibbe ananis dursee akka jibbe beekaa. Ana yoo ari'an isinis immoo ni ari’u,” jedha. Yoh 15:18). Akkasumas, “Maqaa keetiif jennee guyyaa guyyaan ni ajjeefamna. Akka hoolota qalamanittis lakkaawamne,”(Rom 8:36) akkuma jedhu. Egaa wareegamummaan kuni keesumattu bara wareegamtootaa jedhamee kan beekamu jira. Innis bara 64-313 DH.K.B kan jirudha. Bara kanas bakka lamatti adda baasanii ilaaluun ni dandahama. Inni jalqabaa bara 64-250 kan jirudha. Bara kana keessaas moototni akka Neeroon, Qeesaar, Dimxiyaanos, Tiraajaan, Awureeliyaanosii fi kkf bara itti turanidha. Inni lammataa bara 250-313 kan jiru yoo tahu bara kana keessa kiristaanonni hundi akka dhuman labsiin yeroo itti bahee hundumti gara jabeenyaan ajjeefamaniiru. Kana booda kan jiran garuu kiristaanotarra wanti hamaan gahus akka barawwan kanaa hin turre. Bara kana keessas moototni hamoon akka Daakiyoos, Vaaleeriyaan, Awuleriyaanosii fi Diyooqilxiyaanoos bara turanidha. Barri kun bara wareegamtootaa jedhamus wareegamummaan sadarkaa olaanarra yemmuu itti ture jechuudha malee wareegamummaan dhugaatiif kennamu hanga yoonaa kan jirudha. Bara kanattis, wareegamummaan akaakuu gara garaatiin raawwatamaa jira.
Yaadannoo Qulqullootaa irraa

Ilaalcha koo ✍✍✍
Yaa saba Waaqayyo maaf walhubachuu dadhabnee garuu? Waldhagetii maaf dhabnee? Garagarummaan maaf jidduu keenyatii bayyachaa dhufee? Wantii naaf hin galee tokko kan akka nutii gochoota akkanaa wal irrattii akka rawwaanuu nuu tasisaa jiru Dabiloos ta'u barree jira lataa?
Waa hundummaaf anii biyyaa koo Itiyoophiyaa kanaan hawwuu Saba fi Sablamoonii ishee keessattii argaamtu hundii walqixxummaan kan keessa jiraatu, Afaan, aadaa, amantaan kan hundaatuu itti kabajamee jalaallaan keessa jiraachuu dandeenyu akka ta'u dha. Akkaana kan naa jechisisee ammo nutii ilaaluu kan qabnu namni akka namuumma isattii kabaaja argaatee demmuu danda'uu waan qabuufidha. Kanaa ta'u banaan gadii, boyyichii, ajjeechan yoomii ilee waan nuu galaakisuu miti.
Mee hubaadha
- Waggaa waggaan maneen amantoolii gubaachuu
- Walii keenya ajjeessu
- Mana wal irrattii gubbuu
- Akkaa bofa dhagaan rebaanii dhalaa nama ajjeessu
- Beenzilaa nama irrattii naqaanii gubbuu
- Abbaan ilmoo ajjeessuu
- Ilmii Abbaa ajjeessuu
- Hattoonnii gantoonnii bayyaachuu
- Abbaa ijjoollee isaa gudeedduu
- Obaalloonii wal ajjeessuu
- Jarsooliin kabajaa dhabuun
- Bekaan walaala ta'u
- Walaalan ammo beeka itti ta'u
Waa hedduu kassuu ni dandeenya. Kun biyyuumaa keenya keessattii rawwaatama kan jiru dha. Imiimaanii hadhoolii keenya calisee ya'aa jira. Kanaafuu maltuu ta'a jira Jennee maaf dhabaanee hin ilaalee? Namoonii bayyeen Media irrattii gafaa dhiyyaatan sammuun isaanii ni jijiraama. Inni kan biyya ijaaruuf figaa inni kan ammo arraabsof figgaa. Kun hundii kan nutii dhufaa jiru maal akka ta'e beeku dhabuu keenyatuu kanaa irraa nuu geesisaa jira.
Biyyii keenya nagaa akka hin argaanee gamaa hundaan kan tasisaa jiru warra siyyaasa ta'u baruu qabna. Isaan angoof jedhaanii asiif achiin dhigaa namoota dhangaalasuu barbadduu. Jidduu kanaatii kan midhaamuu hiyyeessa ta'u isaan hin beekanii. Warri siyyaasa kun bu'aan isaan nuuf busaanii jiraatuus irraa calmaa garuu dhigaa namoota hedduuf sababa ta'anii jiru.
Kanaafuu mee of haa ilaaluu. Maal gochaan jira? Namoonii natii fayyaadama jiru moo annaatuu namoota fayyada jira jenne of haa gafaanuu. Isaan ajjaanda ummanii wal nuu nyaachisuu nutii ammoo hoy hoy fi wacuu bayyisuu keenyan kunoo waligaltee dhabnee jira.
Anaaf garuu kan naa basuu
- Tigray. - Beshanguul Gumuz
- Amhara. - Somali
- Afar. - Gambeelaa
- Oromo. - Ummaata kibbaa
- Sidaamaa. - Haraarii
Hundii isaanii anaaf walqixxuumaan biyyaa isaanii keessa akkaataa ittiin jiraataniif Waaqayyoo kadhaachuu
Dabaalata ammoo
- Ortodoksii
- Muslimaa
- Protestant
- Katoolikii
- Waqeefaata
Fi kaneen biroo ilee waluuma qixxaan akka jiraatan naan hawwaa. Amantaan kan dhunfaa biyyii kan waliiniitii. Kan kotuu calaa jettee isaa biraa ni tufaata yoo ta'e garuu rakkoo keessa jirta atii. Kanaafuu of haa ilaaluu. Mee boqonnaa waliif haa keeninuu. Dhignii yeroo yerootii dhangala'uu malee maal waliif busaa jira? Nuu gahe haa jennuu mee yaa saba Waaqayyoo.
Yoon balleessee dhifaama naaf godhaa. Dutii balbaala hundaa keenya rukkutaa waan jiruuf waan natii dhagahamee barreessee.

"Ani Waaqayyoo dura kanan dhaabbadhu Gabri'eelidha" Wangelaa Luq. 1:19
Baga Guyyaa Kabaja Ayyaana Yaadannoo Ergamaa Qulqulluu Gabri'eelin ittin isiin gahe.
Adoolessa 19 sababni kabajamuf Bara Diyooqilxiyaanoos mootii ta'ee biyya bulchaa turetti, Mani kiristaana cufamee, namni hundii Waaqoolii tolfamoon akka bulaan labsii baasetii garuu mucaan umurii sadii kan ta'ee Qiirqoos haadha isaa Iyyeluuxaa jabeesun Waaqayyoon ijoollee saddeen abidda keessa baase ergamaa isaa eerge nuunis nu baraara jechun, amantaa isaatin Waaqayyoo wamee sanaa boddee Ergamaa qulqulluu Gabrii’eel guyyaa itti danfaa bishaani keessa Qulqulluu Qiirqoos fi Qulqulletii Iyyeluuxaa ittii basee dha.
Qulqulluu Gabriel jabinaa mucaa kanaa ilaluun isaa fi hadhaa isaa abidaa jalaa basee nuuf ilee wantaa nuu dhiphisuu hundaaf Waaqayyoo irraa dhifamaa akka nuuf kadhatuu fedhaa fi Eyamaa isaa nuuf haa ta'uu
Waaqayyon amantaa akka mucaa kana nuuf haa kennu.

Dhangaa cubbuun qopheessite
Dhangaa cubbuun qopheessite irraan kan ka'e mana Waaqayyoo yeroo itti demnuu dhabaa jira. Karaa Waaqayyo keenya Waqeessinuu dhaba jira. Halkaaniif guyyaa jeequmsaan walmaknee jiraachaa jira. Jalaalii fi waligalteen dhabamee rafaama jira.
Sirni uumamaa eegalee guyyaa 6ffaa, guyyaa jimaataa, Waaqayyo dhala namaa ofitti fakkeessee kabajee harka isaatiin qabee uumamoota hunda irraa adda godhee uume. Namni ulfinaan harka Waaqayyootiin uumame kunis kennaa lubummaa, kennaa mootummaa yookiin kennaa bulchiinsaa fi kennaa raajii dubbachuu waan badhaafameef uumamoota hundumaa akka bulchuuf aangoon kennameefii ture.
Bakka turtii isaaniif kenname gannata keessa akka turaniif Addaamii fi Hewaaniif seera tokkotu laatameef. Seerri kunis wabii jireenya isaanii ture. Ajajasaa yoo eegan duuti, gaddi, dadhabbiin fi bu aa bahiin jireenyaa akka isaan hin mudannee fi yoo seera kana eeguu dhiisan garuu mootii kan turan bulchiinsa hamaa jalatti akka bulan, gaddaan, dhiphinaan, sodaadhaan akka jiraatan abba seeraa kan ta
Kanaafuu wantii nuraan gahama jiru kun hundii bu'aa cubbuu keenya ta'u beeku qabna.

e Waaqayyo isaan akeekkachiiseera.
Waggoota muraasaaf ajaja Waaqayyoo eeganii erga turanii booda olaantummaa fi waaqa ta'uu waan hawwaniif ajaja Waaqayyoo biratti ajaja seexanaa waan dhaggeeffataniif isaafis waan bitamaniif gannataa ari aman. Ayyaanni isaan irraa fudhatame. Gannataa ari amanii gara bakka dhiphinni itti biqiluu, bakka dadhabbiin itti guddatu gara lafa kanaatti dhufan. Firii mukichaa guyyaa nyaatanii eegalee kabaja isaanii dhaban; sodaattota ta'an. Du'as of irratti moosisan.
Du'a gara addunyaa kanaatti kan affeere cubbuudha (Rom 6:23, 5:12). Duuti kunis nama foon uffate hundumaa kan eeggattu taate (Lal 3:20). Qulqulloonni akka Heenookii fi Eeliyaas hanga ammaatti du'a osoo hin argin jiran illee bara dhumaatti du'uuf jiru. Du'a bara bara nu baraaruuf ilmi Waaqayyoo foon namaa uffatee fooniin du'eera (Far 89:48, Fil 2:8, 1Phex 3:18).
Bu'aan cubbuu: ✍
- Abaaramuu fi du'a hamaa fida (Um 3:18, Mat 27:5).
- Kabaja ofii dhabuu dha (Uum 3:7, Dan 5:2-21, Ab.Murt 16:19-25).
-Abidda bara baraatti darbatamuu dha (Mat 25:41).
- Nagaa dhabuu dha (Isay 48:22).
- Kennaa Waaqayyoo dhabanii qullaa ta'uu dha (1Yoh 3:10).
- Kufaatii dha (Uum 3:13-19).
- Sodaadhaan jeeqamanii nageenya dhabuu dha (Uum 4:13, Uum 3:10, Ibr 10:31).
- Du
a dha (Room 6:23).Kanaafuu wantii nuraan gahama jiru kun hundii bu'aa cubbuu keenya ta'u beeku qabna.
HaileGabriel
Igzi'ootaa
Bagaa guyyaa kabaja hadhaa keenya dubroo Maariyaam nagaan geessan. Araarsumaan hadhaa keenya dubroo Maariyaam nuu hundaa keenya waliin haa ta'u.
✍Igzi'oota 😭
Nagaan Waaqayyoo Abbaa Ilmaa Afuura Qulqulluu jaalalli haadha keenya Giiftii Maariyaamii deessu Waaqaa, kabajni fannoo Isaa, kennaan eebba isaa hunduma keenyarra haa bulu.
-->Maaloo nu fayyisii Kiristoos(3)
-->Maariyamiif jedhii nu fayyisiin Kiristoos(3)
-->Kiraalaaysoon(3)
-->Yaa Waaqayyoo(3)
-->Yaa Kiristoos(3)
-->Nu haa fayyisu hamaarra nu haa oolchu arjummaa Isaan Maariyaamiif jedhe deessu haadha Isaaf(3)
-->Nu dhagahi yaa Waaqa keenya fayyisaa keenya
Yaa Abbaa keenya............
Galmee kadhannaa irraa

Abuuna Pheexiroos
Adoolessa 22 guyyaa Yadaanoo boqonaa Abuuna Pheexiroos dha. Abuuna Pheexiroos (maqaan warrisaa isanii baasaniif Magarsaa Badhaasaa) abbaa amantii yoo ta'u bara Xaaliyaanin Itoophiyaa weerartee turte Xaaliyaanidhan ajjeefamanii.
SEENAA DUUBAA
Abuuna Pheexiroos bara 1875 Fiichee Salaaletti maatii qoteebulaarraa dhalatan. Warri isaan irraa dhalatanis gama abbaatiin warra Badhaasaa Guddaa jedhaman, gama haadhaatiin ammoo warra Jaalee Masoo jedhamu. Maqaan isaanii jalqabaa kan maatin baasef Magarsaa ture. Ijoollummaadhanis gara kawaala Debre-Libaanos deemuudhaan baruumsa amantaa yeroo gabaabaa keessatti haala nama dinqisiisuun xumuruu danda’an. Sana boodas yeroo sanatti iddoo hayyoonni amantaa jiru gara kaaba Itoophiyaa, Gondor, akkasumas Goojjam fi Wallo deemuudhaan baruumsa afuura qo’atanii turan. Bara 1900, Walloo iddoo Amaaraa Saayintitti waggoota sagaliif barsiisa nama turaniidha. Bara 1909 ttis sirni moloksummaa kawaala Dabra-Libaanositti raawwatameefi ture. Kawaalaa Gabr’ieelii Baatuu dabalatee iddoo gara garaatti naanna’anii barsiisaa turan.
Godina Arsii Aanaa Zuwaay Dugdaa Hora Danbaliirratti kan argamtu godaambaa afuura Debre Tsiyoonitti/Tullu Guddootti/ wangeelli isaan harkaan barreessan uffanni isaan uffataniifi fannoon isaan qabatachaa turan ammayyuu ni jira. Bara 1919 ammoo gara Finfinnee dhufuudhaan bataskaana Maarqoositti tajaajilaniiru. Phaaphaasota Itoophiyaadhaa bara 1921 yeroo jalqabaaf gara Ijiipti, Aleksaandiriyaatti ergamanii muudaman keessaa Abuuna Pheexiroos tokko turan.
AJJEEFAMUU
Abbuna Pheexiroos, bara 1928 yemmuu Xaaliyaanin biyya keenya gabroomfachuuf dhufte qabsaa’ota mirgaa kadhannaadhaan gargaaraa turan. Keessumattuu gara Salaalee deemuun qabsaa’ota Salaalee kakasanii akka diinan morman shoora guddaa taphataniiru. Booda garuu diddaa bittaa gabrummaa Xaaliyaanii kanaan harka Xaaliyaanotaatti kufan. Erga qabamani boodas gara Giraaziyaaniitti dhiyaatanii, abboota murtii Xaaliyaaniitiin adabbiin du’aa irratti murteeffame. Xaaliyaanonni uummanni akka Xaaliyaaniif bitamu nuuf ajajaa jedhanii gaafatan. Isaan garuu uummata walitti naaf qabaa jechuudhaan erga uummatichi wal gahee booda “An egaa warra gita bittoota kanaaf akka hin bulle nama keenya dhiisaati lafa kanayyuu hidheera” jedhanii gara kuteenyan dubbachaa turan.
Murtiin du’aa kunis hatattamaan guyyaa walakkaa keessatti akka raawwatu ta’e. Isaan garuu murtiin du’aa kun homaa itti hin fakkaanne. Yommuu ajjeefamuuf ka’anittis fannoo baafatanii uummata eebbisan; Kitaaba Qulqulluu harkaa qabanis ni dhungatan. Namoota murtii du’aa irratti dabarsaniifis ni kadhatuuf ture. Gamoon jala dhaabatanis barbaadamee fuula isaanii ummatati garagalchanii dhaabachiisan. “Fuula kee akka uffisan ni barbaaddaa?” jedhamanii gaafatamnaan ‘kuni hojii keeti’ jedhaniin nama isaanitti haasawuun.
Xaaliyaanonni Abuuna Pheexiroos naannoo addabaaba’ii Birbirsa Goorootti (maqaa ammaa Piyaassa) gamootti hirkisanii dhaaban. Yeroo kana loltoonni saddeet qopheedhan eegaa turan saddeettanuu yeroo tokko qawwee itti dhukaasan; garuu dhukaasa saddeettaniinuu du’uunsa shakkan. Yeroo kana du’uuf dhiisuu isaanii adda baasuuf hakimni waamame. Akka lubbuun keessa hin baane mirkaneesse hakimtichi. Sana boodas itti deebi’anii shugguxiidhan yeroo sadi mataatti dhukaasanii ajjeesan. Yemmu kuni hundi ta’u koloneelli isa ajjeesisaa ture sun uummanni dirqamaan akka harka walitti rukutuuf taasisaa ture.
Xaaliyaanonnii reeffa isaanis namni akka hin agarreef Finfinneedhaa baasanii bakka namni hin agarretti awwaalan. Ummati Finfinnee guyyaa sana guutummaan boo’afii oole. Siidaan yaadannootis bara 1938 Finfinneetti iddoo isaan wareegamanitti dhaabteef. Manni amantaa Ortodoksii bara Paatiriyaarikii Shanaffaa Abune Phaawuloos, waggoota 60 booda wareegamaa Abuuna Pheexiroosif aangoo qulqullummaa laatte. Jaarraa si’anaa kana keessas mana amantaa Ortodooksii Tawaahidoo Itoophiyaa keessatti aangoo qulqullummaa kan argatan isaan qofadha. Taabonni maqaa isaanitiin moggafames Salaaletti argama. Abbaa dhugaa ta’uudhan yommuu warri biyya bulchina jechaa tu

ran guyyaa rakkoo kana uummata gatanii dheessanitti, isaan garuu ummata isaanii waliin du’uu filatan.
Siidaan isaanis Finfinnee Birbirsa Goorootti (Piyaassaa) argama. Siidansaanii kan yeroo gabaabaaf sababa misooma daandii baabura salphaatin ka’ee ture, Amajjii 29 bara 2008 iddoo isaatti kabajan debi'eera.
Maddii Wikipedia irraa

Gidiramuun foonii bu’ura kabajaati
Kabajaan fi suurri ilma namaatif kennamu gidiraa irra ga’een kan walsimu dha. Qulqulluun Phaawuloos waa hunda waa'ee kiristoos akka miidhattin lakkaa'e jedhee akka dubbate gidiraa nurra ga’un ni jajabaanna Jechuun isaa gidiraan madda kabajaa waan ta'efi. Roomee 5:5 Akkasumas gidiraan yerof foonirra ga’u kan kabajaan bara baraa itti argamu ta’usaa yoo ibsu akkas jedha “gidiraan salphaa yeroof nurra ga’u jireenya bara baraa nuuf argamsisa” 2 qaro. 4:17-18.
Qulqulluu Pheexiroosis maqaa “kiristosin gidiraan isin irra gautti gammadaa. Maqaa kiristosin yoo komatamtan afuurri Waaqayyoo isin irra qubata waan ta'ef isin qulqulluwwani jechuun miidhaan foon irra ga'u madda kábajaa ta'usaa ibsera. 1 Pheex. 4:13-15.
Qulqulloonni Waaqatti amanusaanii fi maqaa Waaqaatin gidiraa adda addaa irra ga'u obsusaanitin Waaqanis qixa gidiraan irra ga'een isaanif kabajaa gonfaachisera.